6 «Guyyaa san sooreyyii Yihuda'aa akka okkotee ibiddaa ta qoraan irratti tuulameetii fi akka umeessaa ibiddaa ka odduu ladde'eetitti bobe'uu isaan hin godha. Isaan kolbaa adaala sanii mara hin fixan. Kolbaan Yerusaalemii ammoo, nageyaan Yerusaalem keessatti hin hafan.
7 «Ulfinni sanyii Daawitiitii fi ulfinni namoota Yerusaalem keessa le'anuu ka Yihuda'aa akka hin caalle, ani Mootiin Waan Maraa dursee mana gosa Yihuda'aatiif injifachaa hin kenna. 8 Ani guyyaa san Mootiin Waan Maraa, worra Yerusaalem keessa le'u hin eega; isaan keessaa ka irra caalaa dadhaba'aatuu, akka Daawitii jabaa hin te'a. Sanyiin Daawitii akka ergamaa kiyyaa, akkuma kiyya isaan hin sooressan. 9 Guyyaa san gosa biyya adda addaa Yerusaalem loliisaaf wodhaantu mara balleessiisaaf hin barbaada.
10 «Ani ayyaana mararti'iitii fi ayyaana daadimataa sanyii Daawitiitii fi worra Yerusaalem keessa le'u irratti hin dhangalaasa. Isaan ka woraanane san na hin ilaalan; akka nama mucaa tokkochaaf bowuutitti hin bowan; akka nama du'a ilma angafichaatiif guddoo gadduulle hin gaddan. 11 Guyyaa san bootti guddoon, sanyii Hadaad Rimooniitiif dirree Megidoo keessatti teete sun, Yerusaalem keessatti hin teeti. 12 Namooti lafa sanii akka maatii maatii ifiititti hin bowan; maatiin sanyii Daawitii qofuu, niitoti isaanii qofuu, maatiin sanyii Naataanii qofuu, niitoti isaanii qofuu, 13 maatiin sanyii Lewwi'ii qofuu, niitoti isaanii qofuu, maatiin Sheme'ii qofuu, niitoti isaanii qofuu, 14 maatiin worra hafee duudiin qofuu, niitoti isaaniille qofuu hin bowan» jedhe.
<- Zakaariyaasii Raagichaa 11Zakaariyaasii Raagichaa 13 ->- a Gatantarti: Yookiin tintint.
Languages