1 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Guyyaa san maddi cubbu'uu fi battummaa isaanii qulqulleessu, sanyii Daawitiitii fi worra Yerusaalem keessa le'anuuf hin banama[a]. 2 Guyyaa san maqaa waaqota dharaa lafa irraa hin balleessa; nami deebi'ee isaan qaabatu hin jiraatu; raagota dharaatii fi ayyaana battiille lafa irraa hin balleessa. 3 Gaafas eennulle yoo raaga dubbate, abbaan isaatii fi haati isaa, ‹Ati maqaa Mootii Waan Maraatiin soba waan dubbatteef, du'uu qadda› jedhaniin. Yennaa inni raaga dubbatu abbaan isaatii fi haati isaa, isa woraanane ijjeesan. 4 Guyyaa san raagaan tokko tokkonuu raaga mudhi'iin dhagge saniif hin qaanowa; namootalle sobiisaaf woyaa rifeensa qaddu hin uffatu. 5 Inni, ‹Ani qonnaan bula'a malee, raaga'aa moti; ani ijoollumma'aan jalqabee nama lafa qotu› hin jedha. 6 Nami tokko, ‹Madaan nafa keeti irraa tun maan?› jedhee yoo isa gaafate, inni deebise, ‹Mana jaala kiyyaatitti madowe› hin jedhan» jedha.
- a Hin banama: Yookiin hin madda yookiin hin burqa jedhamuu dande'a.
Languages