8 Ji'a tokko keessatti tissitoota sad ari'e; hooloti na jibbite; anille isaan hifadhe. 9 Tanaaf ani holotaan, «Ani haganaa achii tissee keessan hin te'u. Ka du'anu du'anuu ti. Ka badanu badanuu ti. Ka hafanelle foon woli wolii nyaatanuu ti» jedhe. 10 Achiin duuba gondooroo Mootiin Waan Maraa gosa biyya adda addaa woliin gondoore diigiisaaf, ani ulee tiyya ta, «Jaalatantuu» jedhantu fuudhee casse. 11 Gaafasuma gondooroon diigante. Daldaltooti hoole'ee, ka na dhaggiisatti jiranu, kun jecha Mootii Waan Maraa akka te'e beekane. 12 Ani isaaniin, «Yoo feetane mindaa kiyya naa kenna'a; yoo hin fedhin ammoo lakkisa'a» jedhe. Isaanille mindaa kiyya meetii soddoma naaf kennane.
13 Mootiin Waan Maraa anaan, «Meetii san saanduqa Galma Waaqaa keessa buusi[c]!» jedhe. Tanaaf, «Mindaa geya'a» jedhanee ka isaan naaf kennane, meetii soddoma san fuudhee, saanduqa Galma Waaqaa keessa buuse. 14 Achiin duuba tokkummaa Yihuda'aatii fi Israa'elii diigiisaaf, ulee tiyya lammeesso'oo ta, «Tokkummaa» jedhantu casse.
15 Itti aansee Mootiin Waan Maraa anaan, «Meya tissitoota gowwoolee sanii fuudhi. 16 Kunoo, ani tissee hoolee baddeef hin yaadanne, ilmoolee badde ka hin barbaanne, ka miidhamane ka hin fayyine, yookiin fayyaaleyyii ka hin tissine biyya irratti hin kaasa; inni ka coomane hin nyaata; qeenca isaaniille hin buqqisa.
17 «Tissee gatii hin qanne,
ka hoolota hin eenneef aanne'e!
Shallaagaan, harka isaa middicha isa irraa kutuu ti!