6 Maarre Muuseen kanuma Israa'elootatti hime; sooreyyiin gosa Israa'eliille akka gosa gosa ifiititti ulee tokko tokko, wolumatti ulee kudhanii lama isatti kennite; uloota san keessaa takkattiin ulee Aaronii ti. 7 Achiin duuba Muuseen uloota san dunkaanii dhugaa bayaa keessaa Mootii Waan Maraa dura keye.
8 Boruyyaa, Muuseen gara dunkaanii dhugaa bayaa yennaa ol seene, uleen Aaronii ta maqaa gosa Lewwi'iitiin dhikaatte, quunxitee, daraartee, midhaan muka, «Almond» jedhamuu buutteertiiyyu. 9 Achiin duuba Muuseen uloota san mara Mootii Waan Maraa duraa fuudhee Israa'eloota maratti mudhise. Isaan uloota san ilaalanee, sooreyyiin tokko tokkoon isaaniituu ulee ifii fudhatane. 10 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Worra finqila'aaf beessisa akka teetu, ulee Aaronii Saanduqa Gondooro'oo duratti deebisi. Tun isaan na irratti gungumanee akka hin dhumanne gooti» jedhe. 11 Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe.
12 Achiin duuba Israa'elooti Muuse'een, «Nuuti hin duuna! Nuuti dhumataarra! Marti keennaayyuu badaarra! 13 Nami tokkolle yoo dunkaanii dhugaa bayaa ta Mootii Waan Maraa bira dhufe hin du'a. Marti keennaayyuu dhumannuu tii ree?» jedhane.
<- Kitaaba Seera Laakkossaa 16Kitaaba Seera Laakkossaa 18 ->
Languages