4 Muuseen yennaa tana dhage'e, fuulaan lafatti gombifame. 5 Achiin duuba Muuseen Qoraahii fi hordofattoota isaa maraan, «Boru barii Mootiin Waan Maraa ka isaa eennu akka te'e, woyyichille eennu akka te'e hin mudhisa; nama san gara ifii hin fida; inni nama filatu san gara ifii hin dhikeessa. 6 Atii fi hordofattooti teeti martinuu girgiraa qabadha'aatii, 7 boru barii Mootii Waan Maraa duratti kashilaa fi hixaana itti naqa'a. Nami Mootiin Waan Maraa filate nama woyyicha hin te'a. Isin worri Lewwootaa ijjumaa bira dabartaneertan» jedhe.
8 Muuseen ammalle Qoraahiin, «Ammalle, isin Lewwooti dhage'a'a! 9 Waaqi Israa'elii isatti dhikaattanee hujii dunkaanii dhugaa bayaa ta Mootii Waan Maraa akka hujjanuuf, kolbaa dura dhaabbatanee akka isaan tajaajiltanuuf, kolbaa Israa'elii keessaa adda isin baasuun isaa isinitti diqqaattee ree? 10 Inni isinii fi Lewwoota obboleeyyan teessan maraayyuu ifitti dhikeesseera; isin ammoo ammalle hayyoota te'iisaaf barbaaddan. 11 Tanaaf atii fi hordofattooti teeti martinuu Mootii Waan Maraa mormiisaaf wolitti qabantane; Aaroniin isin irratti gunguntanu sun eennu inni?» jedhe.
12 Achiin duuba Muuseen ilmaan Eliiyaabii Daataanii fi Abiiramitti ergee waansise. Isaan ammoo, «Nuuti hin dhunnu; 13 ati lafa aananii fi dammaa keessaa nu baachee goomolee keessatti nu ijjeesiisaaf ka as nu fidde si hin geettuu? Ammalle nu irratti goottaa te'iisaaf barbaaddaa? 14 Ati lafa aananii fi dammaatitti nu hin galchine yookiin ficha'aa fi lafa woyni'ii nuu hin kennine; ati ballaa nu seetaa? Lakkii, nuuti hin dhunnu» jedhane.
15 Achiin duuba Muuseen guddoo aaree, Mootii Waan Maraatiin, «Ati kennansa isaanii hin fudhatin. Ani harree tokkolle isaan irraa hin fudhanne yookiin isaan keessaa nama tokkolle hin miine» jedhe.
16 Saniin duuba Muuseen Qoraahiin, «Boru atii fi hordofattooti teeti martinuu, Aaronille Mootii Waan Maraa duratti dhaggama'a. 17 Namooti keeti martinuu girgiraa ifii qabatanee, hixaana itti naqatanuu ti; wolumatti girgiraa dhibba lamaa fi shantama, Mootii Waan Maraa dura dhikeessanuu ti; atii fi Aaronille dhikeessa'a» jedhe. 18 Maarre nami tokko tokkooyyuu girgiraa ifii qabatee, kashilaa fi hixaana itti naqatee, Muuse'ee fi Aaron woliin addee seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dhaabbate. 19 Qoraahi hordofattoota ifii mara fuullee Muuse'ee fi Aaronitti, seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti yennaa wolitti qabe, ulfinni Mootii Waan Maraa wolde'a duudi'itti mudhate. 20 Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaroniin, 21 «Ani ammuma akka isaan balleessu, isin wolde'a kana irraa adda baya'a» jedhe.
22 Muuse'ee fi Aaron ammoo lafatti gad gombifamanee iyyanee, «Ee Waaqa, ati Waaqa dada maraaf jiruu kennitu. Nami tokko yoo cubbuu huje, ati wolde'a duudi'itti aartaa ree?» jedhane.
23 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 24 «Ati kolba'aan, ‹Dunkaanii Qoraahii irraa, dunkaanii Daataaniitii fi dunkaanii Abiiramii irraa fagaadha'a› jedhiin» jedhe.
25 Maarre Muuseen ka'ee gara Daataaniitii fi Abiiramii dhaqe; jaarsoleen Israa'elii isa gula deemane. 26 Inni wolde'a ifi eeggachiisee, «Dunkaanii namoota jallaameyyii kanaa irraa fagaadha'a! Waan isaanii hin tuqina'a; yoo akkas hin te'in sababa cubbuu isaanii maraatiif isaan woliin hin baddan» jedhe. 27 Maarre isaan dunkaanii Qoraahii irraa, dunkaanii Daataaniitii fi Abiiramii irraa fagaatane.
31 Akkuma Muuseen dubbii tana fixateen, latti Daataanii fi Abiiram jalaa gargar baqaxxee, 32 afaan bantee isaanii fi maatii isaanii, hordofattoota Qoraahiitii fi waan isaan qabanu mara woliin liqinsite. 33 Maarre isaan jiru'uun addee worri du'e jirutti waan qabanu mara woliin gad bu'ane; latti itti cufantee, isaan kolbaa keessaa badane. 34 Kolbaan israa'elii ta adaala isaanii jirtu marti, iyya isaanii yennaa dhageette, «Latti nu'ulle hin liqinsiti fa'a» jettee baqatte.
35 Ibiddille Mootii Waan Maraa biraa dhufee namoota dhibba lamaa fi shantama, worra hixaana aarsiisatti jiru muxuqi godhe.
36 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 37 «Ele'azaarii ilma Aaronii hayyichaatiin, ‹Girgirooti hixaana itti aarsane sun woyyoota waan te'aneef, kashila keessaa fuudhi; kashila san fageessii bittinneessi. 38 Girgirooti kun girgiroota namooti jiruu ifii balleessiisaaf cubbuu ittiin hujane; girgirooti kun gara Mootii Waan Maraa dhikaatanee waan woyyoomaneef, hephelleessii tumiitii, gonfaa addee ciinca'aa godhi. Kolbaa Israa'eliitiif ifi eeggannoo te'anuu ti› jedhiin» jedhe. 39 Maarre Ele'azaariin hayyichi girgiraa sageettuu irraa hujamane, ka namooti gubatanee fixamane hixaana itti aarsane san fuudhee, hephelleessee tumee addee ciinca'aatiif gonfaa godhe. 40 Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa Muuse'eetiin isatti hime, sanyii Aaronii malee, eennulle Mootii Waan Maraa dura dhikaatee hixaana akka hin aarsineef, akka Qoraahiitii fi akka hordofattoota isaalle akka hin teene, Israa'elootaaf waan ittiin qaabatanu godhe.
Languages