11 «Kennansi tachoofamu ka Israa'elooti dhikeessitu marti keeti te'uu ti; ani si'iif, ilmaan teetii fi ijoollee durraa teetiif qooda yennaa maraa akka te'u kenneera. Nami mana keeti keessa jiru ka akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e marti nyaatuu hin dande'a.
12 «Zayitii ejersaatii fi daadhii woyni'ii keessaa ta caaltu, midhaan mata'aa keessaa ka caalu, ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif kennane ani sii hin kenna. 13 Midhaan mata'aa ka lafa isaanii keessaa, ka isaan ana Mootii Waan Maraatiif fidanu marti keeti. Nami mana keeti keessa jiru ka akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu te'e marti nyaatuu hin dande'a.
14 «Israa'el keessaa wonni ana Mootii Waan Maraatiif murteeffame marti keeti te'uu ti.
15 «Wonni Angafa te'e marti, nami yookiin horiin ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessanu keeti te'anuu ti. Angafa namaatii fi angafa hori'ii ka qulqulluu hin te'iniif ammoo wodoo fudhatuu qadda. 16 Ijoolleen ji'a tokkoo, akka sheeqelii Addee Woyyitti'iititti meetii sheeqelii shan ta gara geraa diddama madaaltuun wodamanuu ti. 17 Angafi loonii, angafi hoole'ee, angafi re'e'ee ammoo woyyuu waan te'aneef wodoo hin fudhatin; dhiiga isaanii addee ciinca'aatitti fiffixi; cooma isaanille kennansa ibiddaan gubamu ka foolee dansaa qabu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhiitii addee ciinca'aa irratti gubi. 18 Foon isaanii akkuma foon cormi'iitii fi foon luka middaa ka kennansa tachoofamuuf dhikaatuu keeti te'uu ti.
19 «Kennansi woyyichi ka Israa'elooti ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessitu marti si'iif, ilmaan teetii fi ijoollee durraa teetiif qooda yennaa mara akka te'u kenneera. Tun si'ii fi sanyii teetiif ana Mootii Waan Maraa duratti Gondooroo sooddaa ti[a]» jedhe.
20 Mootiin Waan Maraa ammalle Aaroniin, «Ati lafa Israa'elii keessaa dhaala hin fudhatu; Israa'el odduulle'etti qooda lafaa hin qabaattu. Israa'el oddu'utti ani Mootiin Waan Maraa qooda keetii fi dhaala keeti.
25 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 26 «Ati worra Lewwootaatiin, ‹Waan Israa'elooti kudhan keessaa tokko ana Mootii Waan Maraatiif fiddu, ka ani dhaala keessan godhee isiniif kennu san yennaa fudhattanu, isinille ka fudhattanne san keessaa kudhan keessaa tokko kennansa ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessa'a. 27 Kennansi keessan kun akka midhaan eeddummee keessaa kennamuutii fi akka cunfaa woyni'ii ta addee woynii itti cunfanu keessaa kennantuutitti isiniif hin laakkowama. 28 Akka kanaan isinille waan Israa'elooti kudhan keessaa tokko ana Mootii Waan Maraatiif fiddu, ka fudhattanu mara irraa qooda kiyya Aaronii hayyichatti kenna'a. 29 Kennansa fudhattanu mara keessaa ka irra caalaa dansaa te'ee fi irra caalaa woyyicha te'e qooda kiyya godha'aatii dhikeessa'a. 30 Isin waan irra caalaa dansaa san yennaa dhikeessitanu, akkuma midhaan eeddummee keessaa kennamuutii fi akka cunfaa woyni'ii ta addee woynii itti cunfanu keessaa kennantuutitti isiniif hin laakkowama. 31 Tajaajila isin Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiltanuuf kaffaltii waan isinii te'uuf, isinii fi maatiin teessan waan hafe san eessalle'etti nyaatuu hin dandeettan. 32 Eega waan irra caalaa dansaa te'e dhikeessitane, isin yakkaameyyii hin teetanu. Achiin duuba kennansa woyyicha Israa'elootaa hin batteessitanu; hin duutanulle'e› jedhi» jedhe.
<- Kitaaba Seera Laakkossaa 17Kitaaba Seera Laakkossaa 19 ->- a Gondooroo sooddaa: Gondooroon sooddaan godhantu ta ijjumaa hin diiganne.
Languages