1 Bara muumme'ee gaarri Galmi Mootii Waan Maraa irra jiru gaara mara ka caalu hin te'a; kooba mara caalee hin mudhata; gosi biyya adda addaa hedduun gara gaara sanii hin yaati. 2 Gosi biyya adda addaa hedduun dhuttee, «Kowa'a, gara gaara Mootii Waan Maraa, gara Galma Waaqa Yaaqoobii ol baana. Akka nuuti daandii isaa irra ideennuuf, inni karaa ifii nu hin barsiisa» hin jetti. Seerri Xiyoon irraa, jechi Mootii Waan Maraa Yerusaalem irraa hin baya. 3 Inni wodhakkaa kolbaa heddu'uutitti hin mura; wol dhaba gosa biyya adda addaa jajjabbaan odduu jirtu hin sirreessa; isaan shallaagaa ifii qottoo, eboo ifiille haantuu hin tumatan. Gosi biyya tokkoo, gosa biyya takkaa irratti lola hin kaachu; leenjiin woraanaalle hin jiraattu. 4 Nami martinuu muka woynii ifiitii fi muka harru'uu ifii jala hin tee'a; ka isaan sodaachisu hin jiru; Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade tana dubbateera. 5 Gosi biyya adda addaa marti maqaa waaqota ifiitiin hin ideeman; nuuti ammoo bara baraa haga bara baraa maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa keennaatiin hin ideenna.
9 Ati amma maaf qoonqoo ol qabaattee iyyita? Ati mootii hin qadduu? Akka dubartii ciniinsifattuu ka rakkattu, ka si gorsu dhabamee tii? 10 Isin kolbaa Xiyoonii, akka dubartii ciniinsifattuu, aadaa rakkadha'a; qachaa keessaa baya'aatii, diida keessa qubadha'a. Gara Baabilonii hin ideentan; achitti Mootiin Waan Maraa harka diina keessanii jalaa isin baasee, isin hin woda. 11 Amma ammoo gosi biyya adda addaa hedduun si loliisaaf wolitti qabantee, «Yerusaalem battoottuu ti; ilti teenna Xiyoon ceeggattuu ti» jetti. 12 Isaan ammoo yaada Mootii Waan Maraa hin beekanu; akka laddee eeddumme'etti wolitti qabanuu, karoora ka isaan wolitti qabuu sanii hin hubanne.
13 Mootiin Waan Maraa, «Ee kolbaa Xiyoonii, ka'a'a! Diina keessan akka midhaanii dhowa'a! Ani gaafa sibiilaa isiniif hin kenna; kottee sageettu'uu isiniif hin kenna; isinille gosa biyya adda addaa hedduu hin butuchitan.
Languages