1 Nuuti waan marfanneef, ee ati qachaa loltootaa, loltoota teeti wolitti qabadhu! Worri nu marsane sun bulchaa Israa'elii boqoo isaa ule'een hin dhowan.
3 Haga haati isaa ciniinsifattee isa deettutti, Mootiin Waan Maraa Israa'el hin lakkisa; achiin duuba obboleeyyan isaa worri booji'amaneeranu, deebi'anee gara Israa'elootaa hin galan. 4 Inni jabeenna Mootii Waan Maraatiin, ulfinna maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiin jabaatee dhaabbattee, hoolee ifii hin tissa; guddinni isaa haga qaccee lafaa waan dhaqqabuuf, Israa'elooti nageyaan hin le'an. 5 Innille nageya isaanii hin te'a.
7 Kolbaan Yaaqoobii worri jiru'uun hafe, kolbaa hedduu wodhakka'atti akka fixeensa Mootii Waan Maraa biraa bu'uu, akka tiifuu marra irratti buutuu, ka nama addii hin godhanne, yookiin ka ilmaan namaa hin eeganne hin te'an. 8 Kolbaan Yaaqoobii worri jiru'uun hafe, gosa biyya adda addaa oddu'utti, kolbaa hedduu wodhakka'atti, akka neenqa bineensota badda'aa odduu jiruu, akka neenqa dardara odduu tika hoolotaa seenee qabee gargar kukkutuu, ka nami irraa buusu hin jirree hin te'an. 9 Harki keessan diinota keessan irratti ol hin ka'a; nyaapholeen teessan martille hin badan.
10 Mootiin Waan Maraa, «Guyyaa san, fardoo teessanii fi garreettaa fardaan harkifamu keessan odduu teessanii hin balleessa. 11 Qachaa lafa teessanii hin balleessa; kushee teessan maralle hin diiga. 12 Ani moruu teessan hin balleessa; haganaa achi isin worra moru hin qabaattanu. 13 Ani fakkii waaqota dharaa keessanii fi soodduu woyyittii isin waaqonfattanu odduu teessanii hin balleessa; haganaa achi waan harka keessaniin hujjanetti hin sagaddanu. 14 Fakkii waaqa dharaa ta ‹Asheeraa› jedhantuu, odduu teessanii hin balleessa; qachoota keessanille hin diiga. 15 Gosa biyya adda addaa worra naaf hin ajajanne aari'ii fi mufii guddo'oon haluu hin baya» jedha.
<- Miikiyaasii Raagichaa 4Miikiyaasii Raagichaa 6 ->
Languages