5 Mootiin Waan Maraa, «Raagoti kolbaa tiyya karaa irraa gorsitu, yoo nami areereef, isaan nageya lassan; yoo nami hin areeriniif, woraana irratti lassan. 6 Tanaaf, halkan mudhii hin dhagginee fi dukkanti waan gara duraa hin dhaggisiinne hin dhutti. Raagota irratti aduun hin seenti; guyyaan isaanitti hin dukkana. 7 Waaqi deebii waan isaaniif hin deebinneef, worri mudhii dhaggu hin qaanowa; worri waan gara duraa himulle hin salphata; isaan fuula ifii hin gollatan» jedha.
8 Ani ammoo Yaaqoobiif yakkaa isaa, Israa'eliif cubbuu isaa himiisaaf hunnaan, Ayyaana Mootii Waan Maraatiin, haqaa fi jabeenna gudda'aan guutameera. 9 Isin sooressitooti sanyii Yaaqoobii, bulchitooti sanyii Israa'elii, worri haqa tuffattane, worri waan dhugaa te'e mara micciirtanu tana dhage'a'a; 10 isin dhiiga dhangalaasiisaan Xiyoon, hammeennaan Yerusaalem ijaartan. 11 Sooressitooti isi'ii safu'uuf muran; hayyooti isi'iille gati'iif barsiisaan; raagoti isi'iille beese'eef raagan. Isaan ammoo Mootii Waan Maraatitti irkatanee, «Dhugumaan Mootiin Waan Maraa odduu teenna jira. Balaan nutti hin dhufu» jedhan.
12 Tanaaf sababa keessaniif, Xiyoon akka ficha'aa hin qotanti; Yerusaalem tuulaa bututaa hin teeti; kooba Galma Waaqaa raaqi itti hin lata.
<- Miikiyaasii Raagichaa 2Miikiyaasii Raagichaa 4 ->
Languages