3 Tanaaf, Mootiin Waan Maraa, «Ani kolbaa tana irratti balaa fidiisaaf karoora baasiisatti jira; isin balaa san jalaa bayiisa hin dandeettanu. Yennaan sun hantuu waan teetuuf, bondhooraa ideemiisa hin dandeettanu. 4 Guyyaa san namooti isinitti murgaa, faaruu gaddaa tana marroo teessaniif faarsaa, ‹Nuuti ijjumaa banneerra; latti kolbaa teennaa qoqoodanteerti; Mootiin Waan Maraa fichaa keenna nu irraa fuudhee worra nu injifateef qoodeera› hin jedhan» jedha.
5 Tanaaf, yaa'ii Mootiin Waan Maraa keessatti nami hixa'aan lafa isiniif qoodu hin jiru.
6 Raagoti isaanii, «Nutti hin raagin! Marroo waan kanaa nutti hin raagin; salphinni nu irra hin gewu. 7 Ee sanyii Yaaqoobii, wonni akkasii hin jedhamaa ree? Ayyaanni Mootiin Waan Maraa ossa dhabee ree? Inni hujii akkasii hujaa ree?» jedhan.
11 «Nami dharaamessi sobu tokko dhufee, ‹Marroo daadhii woyni'iitii fi marroo untoo macheessituu hin raaga› yoo jedhe, kolbaa tanaaf raagichi fudhatama qabu isa.
12 «Ee sanyii Yaaqoobii, ani dhugumaan isin mara wolitti hin qaba; kolbaa Israa'elii worra baraaree hafe adduma tokko wolitti hin qaba; akka hoolee gooree keessa jirtuu, akka tika hoole'ee ta marra dheediisatti jirtuu, kolbaan lafa hin guutti» jedhe.
13 Ka cassee karaa banu, isaaniin dura hin deema; isaan karra cassanee keessa dabaranee, gad hin bayan; mootiin isaanii dabaree isaaniin dura hin deema; Mootiin Waan Maraalle isaan hin sooressa.
<- Miikiyaasii Raagichaa 1Miikiyaasii Raagichaa 3 ->
Languages