9 «Nami tokko dhukkuba goga'aa farrisiisaa yoo qabaate gara hayyichaa fidanuu ti. 10 Hayyichi isa qorqoruu ti; Gogaa isaa keessa iiti adiin rifeensa isaa adii gootee, iita san keessaa foon diimaan yoo ol baye, 11 dhukkuba goga'aa farrisiisaa hidda naqate waan te'eef namichi sun battii akka te'e hayyichi beessisuu ti. Inni battii waan te'eef hayyichi qofi isa hin baasin.
12 «Dhukkubi sun guddatee gogaa namichaa mara irratti bayee, hayyichi qorqoree yennaa ilaalu, mata'aa haga miila isaa yoo golle, 13 hayyichi ammalle isa qorqoree, dhukkubi sun nafa namichaa mara akka golle yoo dhagge, namichi qulqulluu akka te'e beessisuu ti. Gogaan isaa marti adii waan te'eef, inni qulqulluu hin te'a. 14 Madaan sun kulkultee foon diimaan yoo isa irratti mudhate ammoo inni battii hin te'a. 15 Hayyichi qorqoree foon diimaa yoo isa irratti dhagge, namichi battii akka te'e beessisuu ti. Foon diimaan sun battii waan te'eef, namichi dhukkuba goga'aa farrisiisaa qaba. 16 Foon diimaan sun deebi'ee yoo addaate ammoo inni gara hayyichaa dhaquu qaba. 17 Hayyichille isa qorqoruu ti. Madaan sun deebitee yoo addaatte namichi sun qulqulluu akka te'e hayyichi beessisuu ti; achiin duuba inni qulqulluu hin te'a.
18 «Nami tokko gogaa ifii irratti iita qabaatee, iiti sun yoo fayye, 19 addee iitaa san irratti, iiti adiin yookiin baarileen diimattee addaattu yoo mudhatte, inni gara hayyichaa dhaquu ti. 20 Hayyichille qorqoruu ti; iiti sun gogaa keessa dabartee boollottee, rifeensi isii keessaalle addaatee yoo jiraate, dhukkubi sun dhukkuba goga'aa farrisiisaa, iita irratti baye waan te'eef, namichi battii akka te'e hayyichi beessisuu ti. 21 Hayyichi yennaa qorqoree rifeensi adiin iita san keessa yoo hin jiraanne, iiti sun gogaa keessa dabartee adoo hin boollowin, qoortee yoo jiraatte, hayyichi haga guyyaa torbaa qofi isa baasuu ti. 22 Robbiin sun gogaa keessa babadhatte yoo jiraatte, dhukkuba goga'aa farrisiisaa waan te'eef, hayyichi akka inni battii te'e beessisuu ti. 23 Robbiin sun adduma jirtutti hattee yoo hin babadhatin, gadaannisa iitaa qofa waan te'eef, hayyichi akka inni qulqulluu te'e beessisuu ti.
24 «Nama tokko gogaan isaa yennaa gubate, addee gubate san irratti baarileen diimattee addaattu yookiin addiin yoo mudhatte, 25 Hayyichi baarilee san qorqoruu ti; rifeensi baarilee san keessa jiru adii te'ee yoo jiraate, addeen mada'aa sun gogaa keessa dabartee gara keessaa boollottee yoo jiraate, kun dhukkuba goga'aa farrisiisaa addee gubatte san keessatti baye waan te'eef, hayyichi namichi battii akka te'e beessisuu ti. 26 Hayyichi baarilee san qorqoree, rifeensi adiin isii keessa yoo hin jiraanne, baarileen sun gogaa keessa dabartee adoo hin boollowin, qoortee yoo jiraatte, hayyichi haga guyyaa torbaa qofi isa baasuu ti. 27 Guyyaa torbeesso'ootitti hayyichi ammalle qorqoruu ti; baarileen sun gogaa keessa babadhattee yoo jiraate, dhukkuba goga'aa farrisiisaa waan te'eef, hayyichi akka inni battii te'e beessisuu ti. 28 Baarileen sun adduma jirtutti hattee gogaa keessa adoo hin babadhatin qoortee yoo jiraatte, gadaannisa iita addee gubatee qofa waan te'eef, hayyichi akka namichi qulqulluu te'e beessisuu ti.
29 «Namichi tokko yookiin dubartiin takka mataa irratti yookiin areeda irraa madaa yoo qabaatane, 30 hayyichi madaa san qorqoruu ti; madaan sun gogaa keessa dabartee, rifeensi isii keessaa hadhooticha te'ee qadhatee yoo jiraate, dhukkuba citto'oo yookiin dhukkuba goga'aa farrisiisaa mataa irratti yookiin areeda irratti baye waan te'eef, hayyichi nami sun battii akka te'e beessisuu ti. 31 Hayyichi madaa akkasii tana yennaa qorqore ammoo, madaan sun gogaa keessa adoo hin dabarin, rifeensi gurraachille keessa yoo hin jiraatin, hayyichi nama san haga guyyaa torbaa qofi isa baasuu ti. 32 Guyyaa torbeesso'ootitti hayyichi ammalle madaa san qorqoruu ti; madaan sun adoo hin babadhatin, rifeensi isii keessaa booka fakkaatee gogaa keessa dabartee gara keessaa boollottee yoo hin jiraatin, 33 hayyichi addee mada'aa san qofa lakkisee rifeensa irraa haadatuu ti; hayyichi guyyaa torba itti dabalee ammalle qofi isa baasuu ti. 34 Guyyaa torbeesso'ootitti hayyichi ammalle madaa san qorqoruu ti; madaa sun gogaa keessa dabartee babadhattee yoo hin jiraatin, hayyichi akka inni qulqulluu te'e beessisuu ti. Namichille woyaa ifii dhiqatuu ti; inni qulqulluu hin te'a. 35 Inni qulqulluu akka te'e beessifameen duuba madaan sun gogaa keessa babadhataa yoo deente ammoo, 36 hayyichi isa qorqoruu ti; madaan sun gogaa keessa babadhattee yoo jiraatte, namichi battii waan te'eef, hayyichi rifeensa booka fakkaatu san ilaaluu hin barbaachisu. 37 Te'uu malee, akka ilaalcha hayyichaatitti madaan sun achumatti hattee, rifeensi guraachi keessatti latee yoo jiraate, madaan sun fayyiteerti. Namichi qulqullu'u; akka inni qulqulluu te'e hayyichi beessisuu ti.
38 «Namichi tokko yookiin dubartiin takka gogaa ifii irratti baarilee adii yoo qabaatane, 39 hayyichi isaan qorqoruu ti; madaan sun babadhattee shankallittii yoo teete, robbii gogaa irratti baate malee ta miituu moti; namichi sun qulqullu'u.
40 «Nami tokko rifeensa mataa ifii yoo dhabe, molu'utti isa nyaate; inni qulqullu'u. 41 Inni rifeensa ifii adda irraa yoo dhabe, molu'utti isa nyaate; inni qulqullu'u. 42 Inni moluu ifii irratti yookiin adda ifii irratti madaa diimattee addaattu yoo qabaate, dhukkuba goga'aa farrisiisaa mataa isaa irratti yookiin adda isaa irratti baye. 43 Hayyichi isa qorqoruu ti; mataa isaa irratti yookiin adda isaa irratti madaan diimattee addaattu ta dhukkuba goga'aa farrisiisaa fakkaattu yoo mudhatte, 44 nami sun dhukkuba goga'aa farrisiisaa qaba; battiille'e. Inni mataa ifii irraa madaa waan qabuuf, hayyichi akka inni battii te'e beessisuu ti.
45 «Nami dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu woyaa tarsaate uffatuu ti; mataa ifii hin filatin; woyaa afaanitti qabatee, ‹Ani batti'i! Ani batti'i!› jedhaa lallabuu ti. 46 Inni haga dhukkuba goga'aa farrisiisaa san qabu batti'i. Inni qofi le'uu ti; addee quttumaatiin ala le'uu ti.
53 «Hayyichi yennaa qorqoru, dhukkubi sun woyaa irratti yookiin woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante irratti yookiin ta harkaan dhowante irratti yookiin meya gogaa irraa hujame irratti babadhatee yoo hin jiraanne, 54 mey tuttuqame sun akka dhiqamu ajajuu ti. Achiin duuba meya san ammalle guyyaa torbaaf qofi baasuu ti. 55 Mey tuttuqame sun dhiqameen duuba hayyichi qorqoruu ti; dhukkubi sun bifa ifii yoo hin jijjiiratin, meya keessa babadhatuu dhabulle, mey sun batti'i; dhukkubi sun meya san gara keessaatiin yookiin gara duubaatiin tuttuqee jiraatulle ibiddaan gubuu ti. 56 Mey sun dhiqameen duuba ammoo hayyichi yennaa qorqoru, dhukkubi sun woyaa irraa qooree yoo jiraate, addee dhukkubi tuttuqe san woyaa irraa yookiin waan gogaa irraa hujame irraa yookiin woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante irraa tarsaasuu ti. 57 Dhukkubi sun ammalle woyaa irratti yookiin woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante irratti yookiin meya gogaa irraa hujame irratti deebi'ee yoo mudhatte, inni dhukkuba babadhataa deemu waan te'eef, mey dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu sun marti ibiddaan gubamuu ti. 58 Woyaan yookiin woyaa meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante yookiin mey gogaa irraa hujame marti dhiqamee irraa badeen duuba deebi'ee dhiqamuu ti; mey sun qulqulluu hin te'a» jedhe.
59 Kun seera uffanni rifeensa hoole'ee irraa hujame yookiin woyaan meya worra woyaa dhowuutiin dhowante yookiin ta harkaan dhowante yookiin mey gogaa irraa hujame martille ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan tuttuqame, dhukkuba goga'aa farrisiisaa irraa akka qulqulloome yookiin battii akka te'e ittiin beekkamu.
<- Kitaaba Seera Lewwootaa 12Kitaaba Seera Lewwootaa 14 ->- a Baarilee: Worri baararree jedhulle jira.
Languages