6 « ‹Dubartittiin ilma yookiin intala deettee yennaan qulqulloomiisa isi'ii yennaa muummotte, isiin kennansa gubamuuf buruusoo hoole'ee ka woggaa tokkoo, kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu maddoo yookiin saphaliisa seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa duratti gara hayyichaa fidduu ti. 7 Innille cubbuu isi'iitiif gumaa tolchiisaaf fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. Isiille akka aadaa dhugeeffanna'aatitti dhiiga isii irraa dhangala'u irraa hin qulqulloonti. Seerri yennaa dubartiin ilma yookiin intala deettee kana.
8 « ‹Isiin buruusoo hoole'ee dhikeessuu yoo hin dandeenne, saphaliisa lama yookiin maddoo lama takkattii kennansa gubamuuf, takkattii araara cubbu'uutiif dhikeessituu ti; akka kanaan hayyichi cubbuu isi'iitiif gumaa tolchee, isiin hin qulqulloonti› jedhiin» jedhe.
<- Kitaaba Seera Lewwootaa 11Kitaaba Seera Lewwootaa 13 ->
Languages