8 «Nami qulqulloome sun woyaa ifii dhiqatuu ti; rifeensa ifii mara haadatee, nafa ifii bisaaniin dhiqatuu ti; achiin duuba inni akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu hin te'a. Tanaan duuba addee quttumaatitti deebi'uu ti; te'uu malee haga guyyaa torbaa dunkaanii ifiititti adoo hin galin ala turuu ti. 9 Guyyaa torbeesso'ootitti ammalle rifeensa ifii mara haadatuu ti; rifeensa mata'aa, ka areeda, ka gaara ilaatii fi ka nafa ifii irraa mara haadatuu ti; woyaa ifii dhiqatee, nafa ifiille bisaaniin dhiqatuu ti; achiin duuba inni qulqulluu hin te'a.
10 «Guyyaa saddeetesso'oo ammoo buruusoo korbeeyyii hoole'ee lama ta fafa hin qannee fi gorontii hoole'ee buruusoo takkattii ta woggaa tokkoo ta fafa hin qanne dhikeessuu ti; akkasuma kennansa midhaanii bullaa dansaa kiiloogiraama jaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumantee fi zayitii ejersaa buttullee tokko[a] fiduu ti. 11 Hayyichi akka inni qulqulloome beessisu sun namicha qulqulloomuu fi kennansa inni kenne san woliin gara Dunkaanii Woldeenna'aa fuula Mootii Waan maraa dura dhikeessuu ti.
12 «Achiin duuba hayyichi buruusoo korbeeyyii hoole'ee san keessaa tokko fuudhee, zayitii ejersaa buttullee tokko woliin kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu, kennansa tachoofamu fuula Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. 13 Inni buruusoo korbeessa hoole'ee san addee woyyittii kennansi araara cubbu'uutii fi kennansi gubamu qalamutti qaluu ti. 14 Hayyichi dhiiga buruusoo korbeessa hoole'ee ka kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuu san irraa diqqaa isaa fuudhee, qaccee gurra namicha qulqulloomuu san ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa dibuu ti. 15 Hayyichi zayitii ejersaa san irraa diqqoo isi'ii fuudhee barruu harka ifii bitaachaatitti dhangalaasuu ti; 16 Quba ifii ka harka middichaa zayitii barruu harka isaa bitaacha keessa jirtu keessa cuuphee yennaa torba Mootii Waan Maraa duratti fiffixuu ti. 17 Zayitii ejersaa ta barruu harka isaa keessatti hatte san qaccee gurra namicha qulqulloomuu san ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa dhiiga kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatee san irratti dabalee dibuu ti. 18 Zayitii ejersaa ta barruu harka isaatitti hatte san hayyichi mataa namicha qulqulloomuu san dibee, Mootii Waan Maraa duratti gumaa isaaf godhuu ti.
19 «Achiin duuba hayyichi kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu san ciincessee, nama battummaa ifii irraa qulqulloomu saniif gumaa godhuu ti. Saniin duuba horii kennansa gubamuu san qalee, 20 addee ciinca'aa irratti kennansa midhaanii woliin dhikeessee, gumaa isaaf godhuu ti; innille qulqulluu hin te'a.
21 «Te'uu malee, nami sun hiyyeessa te'ee waan kana dhikeessuu yoo dadhabe, cubbuu ifiitiif gumaa godhiisaaf, kennansa tachoofamu ka sababa yakka'aatiif dhikaatu buruusoo korbeessa hoole'ee tokko fuudhee, kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumante kiiloo lama, zayitii ejersaa buttullee tokko woliin fiduu ti. 22 Akkasuma saphaliisa lama yookiin maddoo lama keessaa ka dande'u, takkattii kennansa araara cubbu'uutiif, takkattii kennansa gubamuuf dhikeessuu ti.
23 «Isaan kana guyyaa saddeetesso'oo qulqulloomiisa ifiitiif seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti fuula kiyya duratti gara hayyichaa fiduu ti. 24 Hayyichi buruusoo korbeessa hoole'ee ka sababa yakka'aatiif dhikaatu san fuudhee, zayitii ejersaa buttullee tokko woliin kennansa tachoofamu ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. 25 Inni buruusoo korbeessa hoole'ee ka sababa yakka'aatiif dhikaate san qalee, dhiiga isaa irraa diqqaa isaa fuudhee, qaccee gurra namicha qulqulloomuu san ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa dibuu ti. 26 Hayyichi zayitii ejersaa san irraa diqqoo isi'ii fuudhee barruu harka ifii bitaachaatitti dhangalaasuu ti. 27 Quba ifii ka harka middichaatiin barruu harka ifii keessaa zayitii ejersaa san diqqoo isi'ii yennaa torba ana Mootii Waan Maraa duratti fiffixuu ti. 28 Zayitii ejersaa diqqoo ta barruu harka isaa keessa jirtu san irraa diqqoo isi'ii adduma dhiiga horii sababa yakka'aatiif dhikaate dibe san, qaccee gurra namicha qulqulloomuu san ka gara middaa, quba isaa abguddicha ka harka middichaatii fi quba isaa abguddicha ka miila middichaa itti dabalee dibuu ti. 29 Hayyichi zayitii ejersaa ta barruu harka isaatitti hatte, gumaa cubbu'uu isaaf tolchiisaaf, ana Mootii Waan Maraa duratti, mataa namicha qulqulloomu saniititti dibuu ti. 30 Achiin duuba inni saphaliisa yookiin maddoo namichi fiduu dande'e san ciincessuu ti. 31 Takkattii kennansa araara cubbu'uutiif taan ammoo kennansa gubamuuf, kennansa midhaanii woliin dhikeessuu ti. Akka kanaan hayyichi namicha qulqulloomu saniif fuula ana Mootii Waan Maraa duratti gumaa hin tolcha» jedhe. 32 Kun Seera nama dhukkuba farrisiisa'aan qabamee, hiyyeessa waan te'eef, ittiin qulqulloomiisaaf, kennansa barbaachisaa te'e kennuu dadhabee ti.
43 «Dhakaan keessaa bayee, dhaabi mana dhaka'aa sun hoqooqamee dhoobbameen duuba dhukkubi deebi'ee mana keessatti yoo mudhate, 44 hayyichi dhaqee qorqoruu ti; dhukkubi sun mana keessa faffaca'ee yoo jiraate, dhukkuba goga'aa farrisiisaa hama'a; manni sunille batti'i. 45 Manni sun diigamee, dhakaan isaa, muki isaa, faarri isaa ka itti dhoobbame marti qacha'aan alatti addee batti'itti gatamanuu ti. 46 Manni sun cufameeruun nami tokko keessa yoo seene, nami sun haga galgalaatitti battii hin te'a. 47 Nami mana san keessa rafe yookiin keessatti nyaate woyaa ifii dhiqatuu ti.
48 «Manni sun dhoobbameen duuba hayyichi dhufee yoo qorqoru ammoo, dhukkubi goga'aa farrisiisaan sun mana san keessa faffaca'ee yoo hin jiraatin, dhukkubi sun waan badeeruuf, manni sun qulqulluu akka te'e hayyichi beessisuu ti. 49 Mana san qulqulloonsiisaaf, inni sinbirree lama, muka hindheensaa, liilana dhiille'ee fi baala hisoophii dhikeessuu ti. 50 Sinbirroota san keessaa takkattii okkotee bisaan maddaa keessa jiru irratti qaluu ti. 51 Achiin duuba muka hindheensaa, baala muka hisoophii, liilana dhiille'ee fi sinbirree lubbu'uun jirtu san fuudhee, dhiiga sinbirree qalanteetii fi bisaan maddaa ka okkotee keessa jiru san keessa cuuphee mana sanitti yennaa torba fiffixuu ti. 52 Inni dhiiga simbirre'eetiin, bisaan maddaatiin, sinbirree lubbu'uun jirtuun, muka hindheensaatiin, baala muka hisoophiitii fi liilana dhiille'een mana san qulqulloonsuu ti. 53 Achiin duuba inni sinbirree lubbu'uun jirtu san qacha'aan alatti diidatti gad lakkisuu ti. Akka kanaan inni mana saniif gumaa tolchee, manni sun qulqulluu hin te'a» jedhe.
54 Seerri kun seera dhukkuba goga'aa farrisiisa'aa, dhukkuba citto'oo, 55 dhukkuba goga'aa farrisiisaa ka woyaa keessaa yookiin ka mana keessaa, 56 ka iitaa, ka robbi'ii yookiin ka baarile'ee ti. 57 Wonni tokko qulqulluu akka te'e yookiin qulqulluu akka hinte'in isaan kanaan beekkama.
- a Buttullee tokko: Buttulleen tokko kun litirii tokko keessaa harka tokko hin te'a.
Languages