4 Sanyiin Yoseefii, gosi Efreemiitii fi Minaase'ee lafa ifii fudhatane.
5 Latti gosi Efreemii akka maatii maatii isaaniititti fudhatane tana: meessaan isaanii gara aduun baatu Ataarot-Adaar irraa haga Bet-Horoonii gaara irraa deemee, 6 haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa ti. Gara kaabaatiin meessaan isaanii Mikmaata'a. Achille'ee gara aduun baatuun Taanaat-Shiilo'otti deebi'ee, gara aduun baatu Yaano'atti dabara. 7 Achiin duuba Yaano'aa irraa gara Ataarotii fi Na'aaratitti gad deemee, Yerikoo geyee Yordaanositti dhaabbata. 8 Taafu'aa irraa ka'ee gara aduun seentuun laga Qaanaa dhaqee, Abbaayaa Mediteraaniya'aatitti dhaabbata. Latti gosa Efreemiitiif akka maatii maatii isaaniititti kennante tana. 9 Tunille qachootaa fi olloota lafa gosa Minaase'ee keessaa, ta gosa Efreemiitiif kennante dabalatti. 10 Worri Efreemotaa ammoo worra Kana'aanotaa ka Gezer keessa le'anu achii ari'iisa hin dandeenne; tanaaf worri Kana'aanotaa haga adhaalle odduu isaanii le'aa akka garbootaa akka isaaniif hujanu hunnaan tolfamane.
<- Kitaaba Iyaasu'uu 15Kitaaba Iyaasu'uu 17 ->
Languages