5 Karaa aduun baatuun meessaan lafa isaanii dhuma Abbaayaa Sooddaa irraa ka'ee, haga dhuma laga Yordaanosii ti.
13 Akkuma Waaqi ajaje Iyaasuun, lafa kolbaa Yihuda'aa keessaa kiriiyat-Arbaa ta «Kebroon» jedhantu, Kaalebii ilma Yofune'eetiif kenne. Arbaan abbaa Aanaaqotaa ti. 14 Kaaleb sanyii Aanaaqota sad Sheshaay, Ahimaanii fi Talmaayin Kebroon keessaa ari'e. 15 Achii ka'ee worra Deebir[a] keessa le'u loliisaaf dhaqe. 16 Kaaleb, «Nama qachaa Seferii lolee qabatuuf intala tiyya ta ‹Aksaa› jedhantu isa hin heerumsiisa» jedhe. 17 Otnii'el ilmi Qenazii obboleessi Kaalebii qachaa san lolee qabate; Kaalebille intala ifii Aksaa isa heerumsiise. 18 Otnii'el gaafa fuudhaa fi heeruma isaanii akka isiin abbaa ifii irraa fichaa gaafattu itti gorse.[b] Yennaa isiin harree irraa baatee Kaaleb, «Maan feeta?» jedhee isii gaafate. 19 Isiin deebittee, «Latti ati naaf kennite biyya gammoojji'ii keessa waan teeteef, baleessa bisaaniille akka naaf kennitu barbaada» jette. Maarre Kaaleb baleessa bisaanii ka oliitii fi ka gadii kenneef.
33 Qachooti gugurdaan kooba jalaa Eshtaa'ol, Zoraa, Ashnaa, 34 Zaano'aa, En-Gaaniim, Taafu'aa, Enaam, 35 Yarmuut, Adulaam, Sokoo, Aazeqaa, 36 Sha'araayim, Adiitaayim, Gederaa, Gederotaayim, wolumatti qachoota gugurdaa kudhanii afurii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
37 Akkasuma Zenaan, Hadashaa, Migdaal-Gaadi, 38 Dil'aan, Miisphaa, Yaaktii'el, 39 Laakiishi, Bozqaat, Egloon, 40 Kaabon, Lamaas, Kiitliishi, 41 Gederot, Bet-Daagon, Na'aamaa fi Maakedaa, wolumatti qachoota gugurdaa kudha jaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
42 Akkasuma Liibnaa, Eter, Ashaan, 43 Yiftaa, Ashnaa, Neziib, 44 Qeyilaa, Akziibii fi Maareshaa, wolumatti qachoota gugurdaa sagalii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
45 Eqroon, qachootaa fi olloota ifii woliin; 46 Qachoota Ashoodi biraa duudii, ka Eqroon irraa haga Abbaayaa Mediteraaniya'aa jiranu, qachoota gugurda'aa fi olloota adaala isaanii woliin;
47 Ashidoodii fi Gaazaa, qachootaa fi olloota isaanii woliin haga meessaa laga Gibxi'iitii fi irga Abbaayaa Mediteraaniya'aa.
48 Biyya koobittii keessa Shaamiir, Yaatiir, Sokoo, 49 Daanaa, Kiriiyat-Sanaa ka «Deebir» jedhamu, 50 Anaab, Eshtemo'aa, Aniim, 51 Gooshen, Holoonii fi Giloo, qachoota kudha tokkoo fi qachoota adaala sanii wolitti qabata.
52 Araba, Dumaa, Esh'an, 53 Yaanum, Bet-taafu'aa, Afeqaa, 54 Humtaa, Kiriiyaat-araba ta Hebroon jedhantu, Zi'or qachoota gugurdaa kudhanii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
55 Maa'on, Qarmelos, Ziif, Yutaa, 56 Yizre'el, Yarke'am, Zaano'aa, 57 Qaayin, Giibe'aa fi Tiimnaa, qachoota gugurdaa kudhanii fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
58 Halhul, Bet-Zuur, Gedoor, 59 Maaraat, Bet-Anoot, Elteqon, qachoota gugurdaa jaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
60 Kiriiyaa-Ba'aal ka «Kiriiyat-Ya'ariim» jedhamu, Raabaa, qachoota gugurdaa lamaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
61 Goomolee keessa ammoo Bet-Arabaa, Mediin, Sekaakaa, 62 Nibishaan, qachoota gugurdaa sooddaa fi En-Gedii, qachoota gugurdaa jaa fi qachoota adaala san jiru wolitti qabata.
63 Kolbaan Yihuda'aa ammoo Yibusoota Yerusaalem keessa le'anu ari'uu hin dandeenne. Worri Yibusootaa haga ammaa Yerusaalem keessa jiran.
<- Kitaaba Iyaasu'uu 14Kitaaba Iyaasu'uu 16 ->
Languages