7 Latti Minaase'ee Asheerii kaatee, haga Mikmaataatii ta Sheekem irraa gara aduun baatuu ti. Achiin duuba meessaan gara kibbaa deemee kolbaa En-Taafu'aa keessa leetu dabalata. 8 Latti adaala Taafu'aa ta Minaase'ee teetee, qachaan Taafu'aa ka meessaa irra jiru ammoo ka sanyii Efreemii te'e. 9 Achiin duuba meessaan haga laga Qaana'aa gad bu'a. Qachooti laga san irraa gara kibbaatitti dhaggamanu, biyya Minaase'ee keessa te'ulle ka Efreemii ti. Meessaan Minaase'ee gara kaaba lagaa dhaqee Abbaayaa Gudditti'itti dhaabbata. 10 Meessaan isaanii gara aduun seentuun abbaayaa Mediteraaniya'aa te'ee, latti gara kibbaa ta Efreemii, ta gara kaabaa ta Minaase'ee ti. Meessaan gara kaabaa lafa Asheeriititti dhaabbata; gara aduun baatuun lafa Yisaakoriititti dhaabbata. 11 Biyyi Yisaakorii fi Asheer keessaa Bet-Shaanii fi ollooti isi'ii, Yible'aamii fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Dooriitii[a] fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Endooriitii fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Ta'anaatii fi ollooti isi'ii, kolbaan qachaa Megidootii fi ollooti isi'ii duudiin ka Minaase'ee te'ane. 12 Teetuu malee kolbaan Minaase'ee qachoota san qabatuu hin dandeenne; tanaaf worri Kana'aanotaa achuma keessa le'ane. 13 Israa'elooti jajjaboo te'anulle, Kana'aanoti akka hunnaan isaaniif hujanu godhane malee, ijjumaa lafa sanii isaan hin ariine.
15 Iyaasuun deebisee, «Isin hedduu eega teetane, biyyi koobittiin Efreemii yoo isinitti dhiphatte, gara lafa Pheriizotaatii fi Refaa'otaa dhaqa'aatii gongomaa anadha'a» jedheen.
16 Isaan deebisanee, «Latti koobittiin sun nu hin geettu; Kana'aanoti lafa dirree irra le'anuu fi worri Bet-Shaanii fi ollooti adaala sanii ka dhooqa Yizre'elii keessa le'anu ammoo garreettaa sibiilaa[b] ka fardo'oon harkifamu qaban» jedhane.
17 Iyaasuun gosa Efreemiitii fi gosa Minaase'ee ka gara aduun seentu jiranuun, «Isin dhugumaan heddu'u; guddoo jajjaboole'e. Qoodi tokko callaan isin hin gewu. 18 Tanaaf biyyi koobittiin teessan hin teeti. Koobi sun gongomaa teetulle anadha'aatii, qacce'ee jalqabaatii haga qaccee dhumaatitti lafa teessan godhadha'a. Worri Kana'aanotaa garreettaa sibiilaa ka fardo'oon harkifamu qabaatee, jajjaboo te'ulle isin isaan hin ariitan» jedhe.
<- Kitaaba Iyaasu'uu 16Kitaaba Iyaasu'uu 18 ->
Languages