10 «Amma kunoo, Waaqi akkuma woggaa afurtamii shaniin dura Israa'elooti goomolee keessa deemiisatti adoo jiranuu Muuse'etti dubbate eegee na jiraachiseera. Amma ani nama woggaa saddeettamii shanii ti. 11 Ani akkuma gaafa Muuseen na erge sanii jaba'a. Ani adhalle loliisaaf, bayiisaa fi galiisaafille akkuma durii jaba'a. 12 Amma yoona, biyya koobittii Waaqi gaafa san waadaa naaf gale naa kenni. Worri Aanaaqotaa bibbineeyyiin akka achi jiranu, qachooti isaaniille dalleya dhaka'aa jabaa akka qabu dhageetteerta. Ammoo Waaqi yoo na qarqaare akkuma inni jedhe ani achi keessaa isaan hin baasa» jedhe.
13 Iyaasuun, Kaalebii ilma Yofunee eebbisee qachaa Kebroonii lafa isaa godhe kenneef. 14 Kaalebiin ilmi Yofunee Qenazichaa, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif gadhaa tokkoon waan ajajameef, qachaan Kebroonii haga adhaa lafa sanyii isaa te'e. 15 Maqaan qachaa Kebroonii dur, «kiriiyat-Arbaa» jedhama; «Arbaa» ka jedhamu kun worra Aanaaqotaa keessaa nama guddaa ture.
Languages