2 «Lattii hin qabamin jirtu, lafa Filisxeemotaatii fi lafa Geshuurotaa, 3 laga Shiihorii ka Gibxii gara aduun baatu jiruu ka'ee haga meessaa kaaba Eqroonii jiranu duudiin akka lafa Kana'aaniititti laakkowamane; tunille lafa mootota worra Filisxeemotaa shanan, Gaazaan, Ashidood, Ashiqalon, Gaat, Eqroonii fi Aawoti. 4 Gara kaabaatiin, lafa Kana'aanotaa duudi'ii fi qachaa Ara'aa ka worra Sidoonotaatii haga qachaa Afeqii ka meessaa Amoorotaa ti. 5 Akkasuma lafa Geblootaa, Libaanon gara aduun baatu duudii, Ba'aal-Gaadi gara kibba gaara Hermooniitiin haga karaa Haamaatii ti.
6 «Worra biyya koobittii keessa le'u Libaanonii haga Misrefot-Maayimiititti, worra Sidoonii duudii ani Israa'eloota duraa hin ari'a. Ati ammoo akkuma ani si ajaje lafa san Israa'elootaaf qoodi. 7 Lafa tanalle gosa sagalii fi gosa Minaase'ee gamisaaf dhaala akka te'u qoodi» jedhe.
14 Akkuma Waaqi Muusee ajaje, ciincaan Goottaa Waaqa Israa'eliitiif addee ciinca'aa irratti ciinceffamu dhaala gosa Lewwi'ii waan te'eef, Muuseen sanyii Lewwi'iitiif lafa dhaalaa hin kennine. 15 Muuseen gosa Ruubeniitiif akka maatii maatii isaaniititti dhaala isaaniif kenne. 16 Latti isaanii Aro'erii qarqara dhooqa Aarnonii irraa qachaa wodhakkaa dhooqa san keessa jiruun haga lafa gooroo adaala Medeba'aa ti; 17 akkasuma Heshiboonii fi qachoota gooroo irraa mara: Diibon, Baamot-Ba'aal, Bet-Ba'aal-Me'on, 18 Yaahaz, Qedemoot, Mefaat, 19 Kiriiyat-Aayim, Siibmaa, Zeraat-sherhaar ka kooba dhooqa keessaa, 20 Bet-phe'or, goodda Phiisga'aa, Bet-Yeshiimoot, 21 qachoota gooroo irraa mara, lafa mootummaa Sihoonii mootii Amoorotaa ka Heshiboon keessa le'ee bulchaa turee ti. Muuseen mooticha Sihoon, sooreyyii worra Miidiyaaniitii fi worra biyya san jiru Ewii, Reqem, Zuur, Huur, Rebaa worra Sihoon woliin jiru injifate. Worri kun duudiin Mooticha Sihooniin jalatti lafa bulchane. 22 Worra Israa'elooti ijjeesane keessaa tokko morticha Bala'aamii ilma Phe'orii ti. 23 Meessaan gosa Ruubenii gara aduun seentuun laga Yordaanosii ti. Qachootaa fi ollooti kun gosa Ruubeniitiif akka maatii maatii isaaniititti lafa isaanii ti.
24 Latti Muuseen ammalle gosa Gaadiitiif akka maatii maatii isaaniititti dhaala kenne: 25 Lafa Yaazerii, qachoota Giil'aadii duudii, lafa Amoonotaa gamisa, haga Aro'erii lafa Raabaa irraa gara aduun baatu jirtu, 26 Heshiboon irraa haga Raamaat-Miispha'aatii fi Betoniimii, Mahanaayim irraa haga meessaa Deebirii, 27 dhooqa Yordaanosii keessa qachoota mootummaa Sihoonii mootii Heshibooniitiif hafane Bet-Haraam, Bet-Niimraa, Suukootii fi Zaafon. Meessaan qachoota kanaa gara aduun seentuun laga Yordaanosii yennaa te'u, gara kaabaatiin haga Abbaayaa Galiila'aa[a] ti. 28 Qachootaa fi ollooti kun gosa Gaadiitiif akka maatii maatii isaaniititti lafa isaaniif kenname.
32 Muuseen Yerikoo gara aduun baatuun Yordaanosiin gama, dirree Mo'aabii yennaa jiru, latti inni isaanii qoode tana. 33 Goottaan Waaqi Israa'elii akkuma isaanii waadaa gale, inninuu lafa isaanii waan te'eef, Muuseen gosa Lewwi'iitiif lafa hin kennine.
<- Kitaaba Iyaasu'uu 12Kitaaba Iyaasu'uu 14 ->- a Abbaayaa Galiila'aa: Afaan Ibrootaatiin Abbaayaa Kiineretii jedha.
Languages