11 Isiin deebittee, «Gootta'a, nami tokkolle hin jiru» jette. Yesuus, «Anille si'itti hin muru. Deemi; ammoo deebitee cubbuu hin hujin» jedhe.][b]
13 Worri Fariisaayotaa, «Ati amma ifii keetiif dhugaa bayiisatti jirta; dhugaa bayiisi keeti fudhatama hin qabu» jedhaneen.
14 Yesuus deebisee, «Ani ifii kiyyaaf yoo dhugaa bayelle, ani eessaa akka dhufee fi eessa akka deemu waan beekuuf, dhugaa bayi kiyya dhuga'a. Isin ammoo eessaa akka ani dhufe yookiin eessa akka ani deemu hin beettanu. 15 Isin yaada namumma'aatiin murtan; ani nama tokko irralle'etti hin muru. 16 Ani ammoo yoo murelle, ka na erge Abbaan na woliin jira; qofii tiyya waan hin murreef, muraan tiyya dhuga'a. 17 Dhugaa bayi nama lamaa, fudhatama qaba jedhantee Seera keessan keessatti barreeffanteerti. 18 Ani ifii kiyyaaf dhugaa baya; Abbaan na ergelle naaf dhugaa baya» isaaniin jedhe. 19 Achiin duuba isaan, «Abbaan keeti eessa jira?» jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, «Isin analle, Abbaa kiyyaalle hin beettanu; adoo na beettanee Abbaa kiyyaalle hin beettaniiyyu» isaaniin jedhe. 20 Yesuus Galma Waaqaa keessatti, addee subbi kennansaa keyamuun biratti adoo barsiisuu jecha kana mara dubbate. Te'uu malee yennaan isaa waan hin geyiniif eennulle isa hin qanne.
22 Maarre Yihudooti, «Inni ‹Addee ani dhaqu isin dhaqiisa hin dandeettanu› jedha. Wonni akkana jedhuuf inni ifi ijjeesaaraa laati?» jedhane.
23 Yesuus deebisee, «Isin worra jalaa ti; ani ammoo ka gubba'aa ti. Isin ka biyya lafa tanaa ti; ani ammoo ka biyya lafaatii moti. 24 Ani ‹Ana›[c] akka te'e beettanee yoo hin dhugeeffatin, cubbuu teessaniin waan duutanuuf, isin cubbuu teessaniin hin duutan jedhe» jedheen. 25 Isaan, «Ati eennu?» jedhanee isa gaafatane. Yesuus deebisee, «Kama ani jalqaba irraa kaasee isinitti hime. 26 Ani marroo teessan waan jedhuu fi waan isinitti muru hedduu qaba. Teetuu malee, ka na erge dhugaamessa; anille waan isa irraa dhage'e qofa biyya lafaatitti dubbadha» jedhe. 27 Isaan marroo Abba'aa akka Yesuus isaanitti dubbatiisatti jiru hin hubanne. 28 Maarre inni isaaniin, «Isin yennaa Ilma Namaa muka irratti ol fuutane, ani eennu akka te'e hin beettan; achiin duuba baallii tiyyaan womaa akka ani hin goone hin beettan; ammoo waan Abbaan akka ani jedhu na barsiise qofaa jedha. 29 Ka na erge na woliin jira; ani yennaa mara waan isa gammachiisu waan hujuuf, inni qofii tiyya ana hin lakkinne» jedhe. 30 Akkuma Yesuus tana dubbateen worri hedduun isatti dhugeeffate.
39 Isaan deebisanee, «Abbaan keenna Abrahaam» jedhaneen. Yesuus deebisee, «Isin dhugumaan ijoollee Abrahaamii adoo teetanee, hujii Abrahaam huje hin hujjaniiyyu. 40 Isin ana nama dhugaa Waaqa irraa dhage'ee isinitti hime ijjeesiisaaf barbaaddan. Abrahaam waan akkanaa hin goone. 41 Isin waan abbaan keessan huju hujatiisatti jirtan» jedhe. Isaan deebisanee, «Nuuti ijoollee abbeera'aatii moti; Abbaan nuuti qannu Waaqa tokkocha qofa» jedhane. 42 Yesuus isaaniin, «Waaqi dhugumaan Abbaa keessan adoo te'e, ani waan Waaqa biraa dhufee amma as jiruuf, na hin jaalattaniiyyu. Isatti na erge malee, ani baallii tiyyaan hin dhunne. 43 Waan ani jedhu isin maaf hin hubanne? Wonni hubatiisa dhaddanuuf, Jecha kiyya dhage'iisaaf hin dandeettanu. 44 Isin ka abbaa keessan Seexanaa ti; halchaa isaalle godhiisaaf barbaaddan. Inni jalqabumaa kaasee ka nama ijjeesu; dhugaan isa keessa waan hin jirreef, dhugaa irra hin jiru. Inni dharaamessaa fi abbaa dharaa waan te'eef, yennaa dhara dubbatu, dharuma ifi keessaa dubbata. 45 Ani ammoo waan dhugaa dubbadhuuf, isin natti hin dhugeeffattanu. 46 Isin keessaa nami yakkaa cubbu'uu natti muru eennu? Ani dhugaa yoo dubbadhu, isin maaf ana hin dhugeeffanne ree? 47 Ka Waaqaa ka te'e, jecha Waaqaa hin dhage'a. Te'uu malee, isin ka Waaqaa waan hin te'iniif, hin dhageettanu» jedhe.
- a Xaqariisaaf: Qaxafiisaaf
- b Woraabbiin durii hedduun kutaa (7:53-8:11) jiru hin qabanu; gariin Yoh. 21:24 n duubatti galchan; kuun Luq. 21:38 titti aansanee galchan; barreeffam goga'aa tokko Yoh. 7:36 tti aansee galcheera
- c Ana: Kolbaa Israa'eliitiif maqaan Waaqaa woyyichi ka «Ana» jedhamee hiikkamuu dande'u «Yahiiweh». Wongeela Yohaannisii keessatti, Yesuus yennaa tokko tokko akka inninuu isuma san te'e mudhisiisaaf, «Ana» jedhee itti fayyadameera.
- d Ana: Ibsa 8:24 irratti kenname ilaali.
Languages