14 Jilti wodhakkaa geetteertuun, Yesuus gara Galma Waaqaa dhaqee barsiisuu jalqabe. 15 Yihudooti baallii qabanu guddoo maalalanee, «Namichi kun adoo hin baratin attam akka malee wo beeka?» jedhane. 16 Yesuus deebisee, «Wonni ani barsiisu ka na erge biraa dhutte malee, barsiisa kiyyaa moti. 17 Nami fedhii Waaqaa godhiisa barbaadu marti, wonni ani barsiisu Waaqa irraa akka dhutte yookiin anummaan ifi keessaa fuudhee akka dubbadhu hin beeka. 18 Nami ifi keessaa fuudhee dubbatu, ulfinna ifii waan barbaaduuf tana godha. Nami ulfinna ka isa ergeetiif huju ammoo dhugaamessa; dharti takkaalle isa keessa hin jirtu. 19 Muuseen seera isinii kenneeraa motii? Isin keessaa tokkolle ammoo ka seera eegu hin jiru. Isin maaf na ijjeesiisaaf barbaaddan?» jedhe. 20 Gumiin deebittee, «Ati durriisa ifi keessaa qadda! Eentu si ijjeesiisaaf barbaadiisatti jira?» jetteen. 21 Yesuus, «Ani baasa tokko hujee jennaan, isin maraayyuu maalalfattane. 22 Muuseen akka isin ilmaan teessan haqanqabaa qaddanu isin ajaje; haqanqabaa kana ka jalqabe Muusee adoo hin te'in abbootii teessan teetulle, isin Sanbatalle'een ilma haqanqabaa qaddan. 23 Seerri Muuse'ee akka hin banneef, guyyaa Sanbataatiin ilma tokko haqanqabaa yoo ka qabanu te'e, maaf guyyaa Sanbataatiin ani nama tokko guutuma guutu'utti waan fayyiseef natti aartan? 24 Muraa dhuga'aa mura'a malee, fuula ilaaltanee muruu lakkisa'a» jedhe.
Yesuus Masiihii?
25 Kolbaan Yerusaalemii gariin, «Namichi kun ka isaan ijjeesiisaaf barbaadanuu motii? 26 Ilaala'a! Inni badhinumatti dubbatiisatti jira; isaan isa mormanee womaa hin jenne! Worri baallii qabu akka inni Masiihii te'e dhugumaan beekanee jiraatanuu? 27 Yennaa Masiihiin dhufu, inni eessaa akka dhufu eennulle hin beeku. Namichi kun ammoo eessaa akka dhufe hin beenna» jedhane. 28 Yesuus adoo Galma Waaqaa keessatti barsiisuu qoonqoo ol qabatee, «Isin ana hin beettan; eessaa akka dhufelle hin beettan. Ani baalluma tiyyaan hin dhunne. Te'uu malee, ka na erge dhugaamessa. Isin isa hin beettanu; 29 ani ammoo isa biraa waan dhufee fi inni waan na ergeef isa hin beeka» jedhe. 30 Achiin duuba isaan isa qabiisaaf barbaadane; ammoo yennaan isaa waan hin geyiniif eennulle harkaan isa hin tundhe.
31 Gumii san keessaa hedduun isatti dhugeeffatanee, «Masiihiin yennaa dhufu, bilbaasa namichi kun godhe caalaa inni bilbaasa hin godhaa laati?» jedhane.
Yesuus Qabiisaaf Eedduu Itti Ergane
32 Fariisaayoti gumiin waan kana marroo Yesuusii hasaasanuun dhageettee, sooreyyiin hayyootaatii fi Fariisaayoti Yesuus qabiisaaf eedduu Galma Waaqaa itti ergane. 33 Yesuus, «Ani yennaa gabaadduu calla'aaf isin woliin jiraadhee, achiin duuba gara ka na ergee hin deema. 34 Isin na hin barbaaddan; ammoo na hin dhaggittanu; addee ani jirulle, isin dhufuu hin dandeettanu» jedhe.
35 Yihudooti baallii qabanu, «Addee nuuti isa hin dhaggine inni eessa dhaqaara? Inni addee kolbaan teenna leetu gara qachoota Giriiki'ii dhaqee, Giriikoota barsiisiisaafii? 36 ‹Isin na hin barbaaddan; ammoo na hin dhaggittanu; addee ani jirulle, isin dhufuu hin dandeettanu› jechuun maan jechuu isaa ti?» jedhane.
Madda Bisaan Jiru'uu
37 Guyyaa muummeffata jilaa, guyyaa guddaa Yesuus ol ka'ee qoonqoo guddo'oon, «Nami dheebote yoo jiraate gara kiyya dhufee unuu ti. 38 Akkuma barrreeffam Woyyichi jedhe, ‹Ka natti dhugeeffatu, maddi bisaan jiru'uu isa keessaa burqa› » jedhe. 39 Yesuus marroo Ayyaana Woyyicha worri isatti dhugeeffatu fudhatuutiif tana jedhe; Yesuus gara ulfinnaa ol waan hin fudhataminiif, yennaa san Ayyaanni Woyyichi kennamee hin jiru.
Kolbaan Gargar Qoodante
40 Gumii san keessaa namooti gariin jecha isaa kana dhage'anee, «Namichi kun dhugumaan raagicha» jedhane.