8 Ollooti isaatii fi kolbaan tanaan dura isaa kadhatuun dhaggiteertu, «Namichi kun ka tee'ee kadhatuu motii?» jedhanee gaafatane.
9 Gariin, «Isuma» jedhane; ka dhibiin ammoo, «Waawwo'o, isa fakkaata malee, isaa moti» jedhane.
12 Isaan, «Inni amma eessa jira?» jedhanee isa gaafatane. Inni deebisee, «Ani hin beeku» jedhe.
16 Fariisaayoti gariin, «Namichi kun Sanbataa waan hin ulfeessineef, Waaqa biraa ka dhufe te'iisa hin dande'u» jedhane. Worri kuun ammoo, «Nami cubbaalessi attamiin bilbaasota akkasii hujuu dande'a?» jedhanee odduu isaaniititti gargar qoqoodam te'e.
17 Maarre Fariisaayoti namicha dur balla'aa kaaniin, «Marroo namicha ila tiyya bane jettu kanaa, maan jetta?» jedhanee gaafatane.
18 Yihudooti baallii qabanu, namichi kun akka dur ballaa te'eeruu fi amma dhagguu dande'e, haga worra isaa waamanutti hin dhugeeffanne. 19 Maarre isaan worraan, «Mucaan keessan, ka isin ballaa te'ee dhalate jettanu kanaa? Amma inni attam dhagguu dande'e ree?» jedhanee gaafatane.
20 Worri isaa deebisee, «Akka inni ilma keenna te'e, ballaa te'eelle akka dhalate hin beenna. 21 Amma ammoo attamiin akka inni dhagguu dande'e, yookiin eennu ila isaa akka bane nuuti hin beennu. Inni nama gudda'a, ifumaafuu dubbatuu hin dande'a; isa gaafadha'a!» jedhane. 22 Nami akka Yesuus Masiihii[a] te'e dhugaa baasee dubbatu, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa akka ari'amu Yihudooti baallii qabanu waan wolii galaneeranuuf, worri isaa isaan sodaatee tana jedhe. 23 Waan kanaaf worri isaa, «Inni nama gudda'a; isa gaafadha'a!» jedhane.
24 Isaan namicha dur ballaa te'ee dhalate lammeessoo waamanee, «Ati Waaqa ulfeessii dhugaa dubbadhu! Namichi kun akka cubbaalessaa nuuti hin beenna» jedhaneen.
25 Namichi deebisee, «Inni cubbaalessa te'uu yookiin te'uu dhabuu ani hin beeku; waan tokko qofaa beeka: Ani ballaa te'ee ture, amma ammoo hin dhagga» jedhe.
26 Isaan, «Inni maan sii godhe? Inni attamiin ila teeti bane?» jedhanee gaafatane.
27 Inni deebisee, «Ani duruu isinitti himeera, isin hin caqanne. Maaf ammaalle dhage'uu barbaaddan? Isinille barattoota isaa te'uu feetanii?» jedhe.
28 Isaan isa arrassanee, «Si'ittuu barataa isaa ti; nuuti ammoo barattoota Muuse'ee ti. 29 Nuuti akka Waaqi Muuse'etti dubbateeru hin beenna; namichi kun ammoo, inni eessaa akka dhufeeyyuu hin beennu!» jedhaneen.
30 Namichi deebisee, «Wonni kanciraa, inni eessaa akka dhufe isin hin beettanu! Inni ammoo ila tiyya bane! 31 Waaqi cubbaaleyyi'iif akka hin dhageenne nuuti hin beenna; inni worra isa ulfeessuu fi fedhii isaa muummessuuf dhage'a. 32 Nama ballaa te'ee dhalate tokko ka ila bane jira jedhamuun, haga biyyi lafaa dadantee ijjumaa dhage'antee hin beettu. 33 Nami kun Waaqa biraa adoo dhufuu dhabaatee, waan tokkolle godhuu hin dande'uuyyu» isaaniin jedhe.
34 Isaan, «Ati cubbu'uun guutantee dhalattee nu barsiisiisaaf wodhaantaa?» jedhanee gussanee gad isa baasane.
36 Namichi deebisee, «Goottaa kiyya, kam inni? natti himi, itti dhugeeffadhaa!» jedheen.
37 Yesuus isaan, «Ati duruu isa dhaggiteerta, ka amma si woliin dubbatiisatti jiruuyyu isa» jedhe.
38 Namichi, «Goottaa kiyya! Ani hin dhugeeffadha» jedhee isaa sagade.
39 Yesuus, «Worri ballaan akka dhagguu fi worri dhaggu ballaa akka te'u, muriisaaf ani gara biyya lafaa tana dhufe» jedhe.
40 Worra Fariisaayotaa ka isa woliin achi jiranu keessaa gariin isaa tana jedhu dhage'anee, «Dhugumaan nuutilleen balloota jechuu keetii ree?» jedhanee isa gaafatane.
41 Yesuus isaaniin, «Isin balloota adoo teetanee, silaa yakkaa hin qaddanuuyyu; amma ammoo hin dhaggina waan jettanuuf, isin yakkaameyyi'i» jedhe.
<- Wongeela Yohaannisii 8Wongeela Yohaannisii 10 ->- a Masiihii: Kiristoos
Languages