4 Maarre Ermiyaas ilma Neriiya'aa Baaruk waamee jecha Mootiin Waan Maraa isatti dubbate mara afaaniin Baarukitti himuun, inni kitaaba maramaa irratti barreesse. 5 Achiin duuba Ermiyaas Baaruk ajajee, «Ani Galma Waaqaa keessa akka hin seenneef dhooggameera. 6 Maarre ati dhaqiitii jecha Mootii Waan Maraa ka ani afaaniin sitti himuun kitaaba maramaa irratti barreessite san, guyyaa laamaa, Galma Waaqaa keessatti kolbaa Yihuda'aa ta qachaa ifii keessaa dhutte maraaf dubbisi. 7 Aari'ii fi mufiin jadduun Mootiin Waan Maraa kolbaa tana adabiisaaf dubbate, guddoo waan teeteef, tokko tokkoon isaanii karaa hamaa ifii irraa deebi'anee, Mootii Waan Maraa hin kadhatan fa te'a» jedhe.
8 Maarre ilmi Neriiya'aa Baaruk akkuma Ermiyaas isatti hime, jecha Mootii Waan Maraa ka kitaaba maramaa irratti barreeffame san Galma Mootii Waan Maraa keessatti dubbise.
9 Ilmi Yosiyaasii Yehoyaaqiim mootii Yihuda'aa te'ee woggaa shaneesso'oo, ji'a sagaleesso'ootitti, kolbaan Yerusaalemiitii fi kolbaan qachaa Yihuda'aa keessaa gara Yerusaalemii dhufane marti Mootii Waan Maraa duratti laamiisaaf lassii lassane. 10 Achiin duuba, badhinna Galma Waaqaa ka gubba'aa keessatti, seensuma karra haareya Galma Waaqaa biratti, kolloo Gemaariyaa barreessicha ilma Shaafaanii keessaa, Baaruk jecha Ermiyaas dubbate, kolbaa maraaf kitaaba maramaa keessaa dubbise.
11 Akaakoon Shaafaanii ilmii Gemaariya'aa Miikaayaan jecha Mootii Waan Maraa mara kitaaba maramaa keessaa yennaa dhage'e, 12 inni addee qondaaltoti marti: Eliishaamaan barreessichi, ilmi Shemaariya'aa Delaayaan, ilmi Akborii Elnaataan, ilmi Shaafaanii Gemaariyaan, ilmi Hanaaniya'aa Zedeqiiyaan ta qondaaltoti dhibiin martille tee'aneeranu, gara kolloo barreessicha mana mootumma'aa gad bu'ee, 13 Miikaayaan waan Baaruk kitaaba maramaa keessaa kolba'aaf dubbiseen dhage'e mara isaanitti hime. 14 Achiin duuba qondaaltoti sun marti, abuuboo kuushii, akaakoo Shelemiiya'aa, ilma Netaaniya'aa Yehud erganee, «Dhaqiitii Baarukiin, ‹Kitaaba maramaa kolba'aaf dubbitte san fidii koy!› jedhiin» jedhane; maarre ilmi Neriiya'aa Baaruk kitaaba maramaa san harkatti qabatee dhufe. 15 Isaanille Baarukiin, «Tee'iitii, maganne'e, nu'uuf dubbisi!» jedhane; innille isaaniif dubbise. 16 Jechoota kana mara dhage'aneen duuba sodaatanee, wol ilaalanee, Baarukiin, «Nuuti waan kana mara mootichatti hin hinna» jedhane. 17 Achiin duuba, «Me, waan kana attam akka barreessite, nutti himi? Ermiyaasitti afaaniin sitti himee?» jedhanee Baaruk gaafatane.
18 Baarukille deebisee, «Ee, isattuu jecha kana mara afaaniin natti himee, ani kitaaba maramaa irratti hallu'uun barreesse» jedhe.
19 Achiin duuba qondaaltoti Baarukiin, «Atii fi Ermiyaas deema'aa dhokadha'a; addee isin jirtanu eennulle hin beekin» jedhane.
32 Achiin duuba Ermiyaas kitaaba maramaa dhibii fuudhee ilma Neriiya'aa Baarukii baarreessichatti kenne; akkuma Ermiyaas kitaaba maramaa mootiin Yihuda'aa Yehoyaaqiim gube san afaaniin itti himuun barreesse san, ammalle Baaruk barreessisiise; jechooti dhibiille ka kitaaba maramaa qaraa keessatti barreeffameen wol fakkaatu baca'atti itti dabalame.
<- Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 35Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 37 ->
Languages