6 Isaan ammoo deebisanee, «Abbaan abbootii teenna ta durii Yonaadaab ilmi Rekaabii, ‹Isinii fi sanyiin teessan daadhii woyni'ii ijjumaa hin unina'a› jedhee waan ajajeeruuf, nuuti daadhii woyni'ii hin unnu! 7 Akkasuma, ‹Lafa hori'iin keessa godaantanu tana keessa bara dheeraa akka leetanu, bara le'ii teessanii mara dunkaanii keessa le'aa malee mana hin ijaaratina'a; midhaan hin facaafatina'a; muka woyniille hin dhaabbatina'a; waan kana tokkolle hin qabaatina'a› jedheera. 8 Nuutille ajaja abbaa abbootii teenna ta durii, Yonaadaabiin ilmi Rekaabii nu ajaje eeganneerra; nuuti, niitoti teennaa fi ilmaan teenna ta dhiiraatii fi ta durraa daadhii woyni'ii hin unne 9 yookiin keessa le'iisaaf mana hin ijaaranne yookiin muka woyni'ii yookiin fichaa yookiin midhaan hin qannu. 10 Dunkaanii keessa leene; waan abbaan abbootii teenna ta durii Yonaadaab nu ajaje mara eeganneerra. 11 Mootiin Baabilonii Nebukadnezaar dhufee lafa tana yennaa qabate ammoo, nuuti, ‹Loltoota Baabiloniitii fi Sooriya'aa jalaa baqatiisaaf, kowa'a, gara Yerusaalemii deenna› jennee murteeffanneera; tanaaf as Yerusaalem keessa turre» jedhane.
12 Achiin duuba Jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, 13 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii: Dhaqiitii, namoota Yiuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemiitiin, ‹Isin jecha kiyyaaf ajajamiisaaf, tana irraa hin barattanuu ree?› jedhi. 14 Ilmi Rekaabii Yanaadaab sanyiin isaa daadhii woyni'ii akka hin unne ajajee, isaan ajaja isaa waan eegataneef haga adhaa daadhii woyni'ii hin unanu; ani ammoo itti deddeebi'ee isinitti dubbadheeraayyu; te'uu malee isin naaf hin ajajanne. 15 Ani tajaajiltoota tiyya raagota itti deddeebi'ee gara keessan ergee, ‹Tokko tokkoon keessan karaa keessan hamaa irraa deebitanee hujii teessan sirreeffatiisa qaddan; isaan tajaajiliisaaf, waaqota dhibii hin hordofina'a! Yoo san lafa ani isinii fi abbootii teessan ta duriitiif kenne keessa hin leetan› isiniin jedheeraayyu; isin ammoo waan ani isinitti hime hin dhageenne; anaafille hin ajajanne. 16 Sanyiin Yonaadaabii ilma Rekaabii ajaja abbaan abbootii isaanii ta durii isaaniif kenne eegataneeran; kolbaan tun ammoo naaf hin ajajanne. 17 Tanaaf kolbaan Yihuda'aatii fi Yerusaalemii yennaa ani isaanitti dubbadhe waan hin caqasiniif, yennaa ani isaan waame waan hin owwaatiniif, kunoo, ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dande'u Waaqi Israa'elii, ‹Badii isaan irratti fidiisaaf dubbadhe san mara isaanitti hin fida› jedha» jedhe.
18 Achiin duuba Ermiyaas worra maatii Rekaabotaatiin, «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Isin ajaja abbaan abbootii teessanii Yonaadaab isin ajaje eegattaneertan; qajeelfama isaalle hordottanee, waan inni isin ajaje mara gootaneertan. 19 Tanaaf, sanyii Yonaadaabii ilma Rekaabii keessaa nami yennaa mara na dura dhaabbatee na tajaajilu hin dhabamu› jedha» jedheen.
<- Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 34Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 36 ->- a Ermiyaas: Ermiyaasiin kun Ermiyaasii raagichaa moti.
Languages