3 Mootichi Zedeqiiyaan ilma Shelemiiya'aa, Yukaalii fi ilma Ma'aseya'aa Safaaniyaa hayyicha gara Ermiyaasii ergee, «Maganne'e, gara Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa nu'uuf daadimadhu» jedhe. 4 Yennaa san Ermiyaas mana hidha'aatitti waan hin galiniif, kolbaa odduu akka fedhe deddeemaayyu. 5 Worri Baabilonii ka Yerusaalem marsaneeranu, loltooti mootii Gibxi'ii lolaaf biyya Gibxi'ii keessaa akka bayane oduu yennaa dhage'ane, Yerusaalem lakkisanee baqatane.
6 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii raagichaa dhufee, 7 «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Mootii Yihuda'aa ka akka isin gorsa Ermiyaas gaafatanuuf gara kiyya isin ergeen: Kunoo, loltooti mootii biyya Gibxi'ii ka isin qarqaariisaaf dhufane, gara biyya ifii Gibxi'itti hin deebi'an. 8 Achiin duuba worri Baabilonii deebi'anee dhufanee, qachaa kana hin lolan; isaan qachaa kana qabatanee hin guban. 9 Worri Baabilonii isin irraa waan hin deeminiif, deemaneeran seetanee ifi hin sobina'a. 10 Isin loltoota Baabilonii worra isin loliisatti jiru adoo injifattanelle'ee, isaan keessaa worri madowee dunkaanii ifii keessatti hafe callaan, bayanee dhufanee qachaa kana hin guban jedha› jedhiin» jedhe.
14 Ermiyaas deebisee, «Lakkii, akkasii moti! Ani finqilee gara worra Baabilonii deemiisatti hin jiru» jedhe. Yiriyaan ammoo dubbii isaa dhugeeffatuu didee, isa qabee gara qondaaltotaa geesse. 15 Isaan guddoo Ermiyaasitti aaranee isa dhaananee, mana Yonaataanii barreessichaa ka mana hidha'aa godhataneeranu keessatti isa hidhane. 16 Ermiyaas Kolloo mana boolla keessaa san keessatti hidhamee yennaa hedduu ture.
17 Achiin duuba mootichi Zedeqiiyaan nama ergee gara mana mootumma'aa ka ifii isa fidee, «Wonni Mootiin Waan Maraa sitti dubbate jirtii?» jedhee qofuu isa gaafate.
21 Maarre mootichi Zedeqiiyaan kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessatti akka hidhamu ajajee, daabboon qachaa keessaa haga dhumatutti karaa worra daabboo bilcheesuutiin guyyuma guyya'aan daabboo tokko tokko akka isaaf kennanu godhe. Maarre Ermiyaas kolloo eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessa ture.
<- Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 36Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 38 ->
Languages