6 Achiin duuba raagichi Ermiyaas waan kana mara Yerusaalem keessatti, Zedeqiiyaa mootii Yihuda'aatitti hime; 7 yennaa san loltooti mootii Baabilonii qachaa Yerusaalemiitii fi qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabanu keessaa adoo hin qabamin ka hafaneeranu Laakiishii fi Aazeqaa qofa waan te'aneef loliisatti jiran.
12 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, 13 «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ‹Ani abbootii teessan biyya Gibxi'ii keessaa garbummaa jalaa yennaa baase, gondooroo isaan woliin gondooradhee, 14 isaaniin: Tokko tokkoon keessan nama Ibrootaa ka isinitti ifi gurgure woggaa jaa isin tajaajileen duuba, woggaa torbeesso'ootitti bilisa isa baasa'a! Jedheeraayyu; abbootiin teessan ta durii ammoo waan ani dubbadhe hin dhageenne yookiin naafille hin ajajanne. 15 Isin amma cubbuu irraa deebitanee fuula kiyya duratti waan sirrii te'e hujjaneertan; tokko tokkoon keessan Yihudoota obboleeyyan teessan ta garba godhattane bilisa baattaneertan; Galma maqaa kiyyaan waamamu keessatti na duratti gondooroo gondoorattaneertaniiyyu. 16 Amma ammoo yaada keessan jijjiirattanee maqaa kiyya batteessitane; tokko tokkoon keessan garboolee teessan ta dhiiraatii fi ta durraa ta qara addee fedhane akka deemanu bilisa baattane deebittanee hunnaan garba godhattane. 17 Tanaaf ani Mootiin Waan Maraa: Isin naaf ajajantanee, Yihudoota obboleeyyan teessaniif bilisummaa hin kennine. Maarre ani bilisummaa isin shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan dhumattanu isiniif hin kenna; mootummoota biyya lafaa maratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isin hin godha. 18 Namoota gondooroo tiyya diiganuu fi jecha gondooroo sanii hin muummessine, ani akkuma jibicha isaan qalanee addee lamatti gargar baasanee wodhakkaa dabaranuu san isaan hin godha. 19 Sooreyyiin Yihuda'aatii fi Yerusaalemii, qondaaltota mana mootummaa isaa, hayyootaa fi kolbaa lafa sanii ta jibicha qalanee addee lamatti gargar baasane san wodhakkaa dabarane mara, 20 ani harka diinota isaan ijjeesiisaaf barbaadanutti dabarsee isaan hin kenna; reeffi isaanii allaatti'ii fi bineensotaaf sagalee hin te'a. 21 Mootii Yihuda'aa Zedeqiiya'aa fi qondaaltota isaa worra isaan ijjeesiisaaf barbaadu, harka loltoota mootii Baabilonii ta amma isaan loliisa lakkisaneetitti dabarsee isaan hin kenna. 22 Kunoo, loltooti mootii Baabilonii gara qachaa kanaa akka deebi'anu hin ajaja; isaan qachaa kana lolanee hin qabatan; ibiddalle'een hin guban; ani qachoota Yihuda'aa mara ona hin godha; nami tokkolle achi keessa hin le'u› jedheeraayyu» jedhe.
<- Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 33Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 35 ->
Languages