1 Yoona kowa'a barsiisa marroo Kiristoosiitiif kenname, ka jalqabaa lakkinnee gara barsiisa guutu'uu dabarra. Nuuti hundee hujii gara du'aa geessitu irraa deebi'iisaatii fi Waaqatti dhugeeffatiisaa, deebinee hin hundeessinu. 2 Akkasuma barsiisa marroo cuuphiisaa, marroo harka mataa namaa irra keyiisaa, marroo du'aa ka'iisaa, marroo muraa bara baraa deebinee hin hundeessinu. 3 Yoo Waaqi jedhe tana hin goona.
4 Worra dhugeeffannaa ifii mormate gara cubbuu irraa deebi'iisaa deebisiis attamiin dande'ama? Kanaan qaraa ifi isaaniif ifeera; kennansa ol-gubba'aalle dhandhamaneeran; Ayyaana Woyyicha wolille'een qoodamaneeran. 5 Dansummaa jecha Waaqaatii fi hunna bara dhufiisaaf jiruulle dhandhamaneeran. 6 Kanaan duuba yoo isaan dhugeeffannaa ifii mormatane, Ilma Waaqaa ifiifuu deebisanee waan fannisanuu fi waan ifaataan salphisanuuf, isaan gara cubbuu irraa deebi'iisaa deebisiis hin dande'amu.
7 Latti bokkeya isii irratti roobu yennaa hedduu untee, abbaa biqiltuu irratti dhaabeef bu'aa buuchu Waaqa irraa eebba hin dhaggatti. 8 Qore'ee fi qumi'uuduu yoo baache ammoo, gatii hin qaddu; yennaa gabaadduu keessatti hin abaaranti; duubi isi'iille ibiddaan gubatiisa.
9 Lansoota tiyya akkas dubbannulle, isin ejjannoo caaltuu ta fayyinna keessan isiniif fiddu irra jiraachuu keessan mirkaneeffanneerra. 10 Waaqi Waaqa sirri'itti muru; inni hujii teessanii fi jaalala isin kolbaa isaa gargaariisaan maqaa isaatiif mudhittanee fi ammalle gargaariisaan mudhisiisatti jirtanu hin dedhu. 11 Isin martinuu waan addi'iin eeggattanu haga harkaan qabattanutti, jabeenna keessan haga muumme'eetitti akka mudhittanu barbaanna. 12 Worra dhugeeffanna'aa fi ossatiisaan jabaatee, waan waadaan galameef dhaalu akka fakkaattanu barbaanna malee, worra rincicaa akka teetanu hin barbaannu.
- a Hoboloo guddittii: Markaba
Languages