1 Hayyichi guddaan mara namoota keessaa filamee, haajaa Waaqa woliin woldeessisu irratti addee kolba'aa bu'ee kennansaa fi woreega cubbu'uu dhikeessiisaaf muudama. 2 Inni ifiifuu dadhabbii akkasii waan qabuuf, worra wollaala'aa fi worra karaa irraa bade gadhi-laafumma'aan ilaaliisaaf hin dande'a. 3 Inninuu dadhabbii waan qabuuf, akkuma cubbuu kolba'aatiif dhikeessu, cubbuu ifiitille'eef woreega dhikeessuu qaba. 4 Akkuma Aaronii ka Waaqaan waamame malee, eennulle ulfinna kana ifiin hin fudhatu. 5 Akkasuma Kiristoos ulfinna Hayyicha Guddaa te'iisaa ifiin hin fudhanne; ammoo Waaqa isaan,
7 Yesuus biyya lafaa tana irra yennaa le'e, iyyansa gudda'aa fi imimmaaniin, daadimanna'aa fi gaaffii gara Waaqa du'a irraa isa fayyisiisaaf dande'uu dhikeesse; ifi gadi qabee waan ajajameef Waaqi daadimannaa isaa dhage'eef. 8 Ilma Waaqaa te'ulle, rakkinna fudhateen ajajamiisa barate. 9 Guutuu te'een duuba worra isaaf ajajamu maraaf madda fayyinna bara baraa te'e. 10 Waaqi akkuma hayyummaa Malkiisedeqii, Hayyicha Guddaa godhee isa muude.
Languages