4 Abbaan sanyii teennaa Abrahaam waan booji'e keessaa, kudhan keessaa tokko eega isaaf kenne, nami kun attam guddaa akka te'e ilaala'a! 5 Worri sanyii Lewwi'ii te'anee hujii hayyumma'aatitti ramadamanu, sanyii Abrahaamii te'anulle kolbaa ifii irraa jechuun obboleeyyan ifii irraa kudhan keessaa tokko akka fudhatanu seerrii hin ajaja. 6 Malkiisedeq ammoo sanyii Lewwi'ii te'uu dhabulle, Abrahaamii waadaan galameef irraa kudhan keessaa tokko fudhatee, isa eebbise. 7 Diqqaan gudda'aan eebbifamiis mama hin qabu. 8 Karaa tokkoon kudhan keessaa tokko worri fudhatu worra du'a'a; karaa kaaniin ammoo kudhan keessaa tokko ka fudhatu, hayyicha jiraataa akka te'e ka dhugaan hinteef Malkiisedeq. 9 Lewwiin kudhan keessaa tokko fuudhuuyyu, yennaa san karaa Abrahaamiitiin, «Kudhan keessaa tokko baaseera» jedhiisaaf hin dande'ama. 10 Sababille yennaa Malkiisedeq Abrahaamiin wolde'e, Lewwiin gudeeda Abrahaamii abbaa ifii keessa jiraayyu.
11 Karaa hayyummaa Lewwi'iitiin seerri kolba'aaf kenname; karaa hayyummaa Lewwootaa kanaan guutummaan adoo dhaggantee jiraatte, muudaa hayyummaa Aaronii adoo hin te'in, hayyichi biraa ka muudaa hayyummaa Malkiisedeqii qabu dhufiis sila hin barbaachisuuyyu. 12 Yennaa hayyummaan jijjiirantu seerrille jijjiiramuu qaba. 13 Goottaan keenna ka marroo isaatiif amma dubbatamu kun ka gosa dhibii keessaa ti; gosa tana keessaa addee ciinca'aa dhiyaatee nami tajaajileeru tokkolle hin jiru. 14 Goottaan keenna gosa Yihuda'aa keessaa dhalatiis ka beekkame; te'uu malee Muuseen yennaa marroo hayyootaa dubbate, waan gosa Yihuda'aa womaa hin dubbanne.
18 Ajaji duraa dadhaba'aa fi ka wo hin baane waan te'eef diigameera. 19 Seera Muuse'eetiin wonni tokkolle guutuu te'iisaaf hin dandeenne; amma ammoo addiin caaltuun ta ittiin gara Waaqaa dhikaannu nu'uuf kennanteerti.
20 Hayyummaan tun kakuu Waaqaatiin malee hin teene; worri duraan hayyoota te'ane kakuu malee te'ane. 21 Yesuus ammoo kakuu Waaqaatiin hayyuu te'e; marroo isaatiif Barreeffama Woyyicha keessatti,
23 Hayyooti duraa hujii hayyummaa ifii akka itti hin fufne duuti waan dhooggituuf, laakkossi isaanii heddu'u. 24 Yesuus ammoo haga bara baraa waan jiraatuuf, hayyummaan isaa hin jijjiirantu. 25 Tanaaf inni isaaniif gaafatiisaaf yennaa duudii waan jiraatuuf, worra karaa isaatiin gara Waaqaa dhiyaatu ijjumaa fayyisiisaaf hin dande'a.
26 Yoona Hayyicha Guddaa: Woyyicha, ka komii hin qanne, qulqulluu, ka cubbaalleyyii irraa gargar baye, ka ol-gubba'aan irra ol aaneeru ka waan nu'uuf barbaachisu mara godhu nu'uuf barbaachisa. 27 Inni akka hayyoota gugurdoo dhibi'i, dursee cubbuu ifiitiif, achiin duuba cubbuu kolba'aatiif guyyuma guyya'aan woreega dhiyeessiis hin barbaachisuuf; yennaa ifi woreega tolchee dhikeesse, takkumaan yennaa maraaf muummesseera. 28 Seerri Muuse'ee worra dadhabaa hayyoota gugurdoo godhee muuda; jechi kaku'uu ka Seera Muuse'eetiin duuba dhufe ammoo, haga bara baraa guutuu ka te'e Ilma Waaqaa muudeera.
<- Ibroota 6Ibroota 8 ->- a Malkiisedeq haadhaa fi abbaa isaa ka barreeffamaan beekkamane waan dhabaneef, barreessaan akka fakkeenna hayyummaa Yesuusii ta bara baraa godhanee itti fayyadameera
Languages