4 Maarre Abraam akkuma Mootiin Waan Maraa isatti hime deeme; Looxille isa woliin deeme. Abraam biyya Kaaraaniitii yennaa baye san, woggaan isaa torbaatamii shan. 5 Abraam niitii ifii Saaraayii fi ilma obboleessa ifii Loox, waan qabanu maraa fi hojjattoota Kaaraanitti dhaggatanelle fudhatanee, gara lafa Kana'aanii deemiisaaf ka'ane. Isaan lafa Kana'aanii yennaa geyane, 6 Abraam lafa san keessa dabaree, addee, «Sheekem» jedhantu, haga qilxaa woyyicha Moree deeme. Yennaa san worri Kana'aanotaa lafa san keessa jiraniiyyu. 7 Yennaa san Mootiin Waan Maraa Abraamitti mudhatee, «Ani lafa tana sanyii teetiif hin kenna» jedhe; Abraamille addee sanitti, Mootii Waan Maraa ka isatti mudhateef addee ciinca'aa ijaare. 8 Achii ka'ee gara lafa koobittii ta Bet'el irraa gara baya adu'uutitti dhaggantuu dhaqe; dunkaanii ifiille Beti'el irraa gara seensa adu'uutitti, Aayin irraa gara baya adu'uutitti dhaabate; achille'etti addee ciinca'aa Mootii Waan Maraatiif ijaaree, achitti maqaa Mootii Waan Maraa waammate. 9 Achiin duuba, Abraam gara kibba Kana'aanii[a] garuma duraa deeme.
17 Ammoo sababa Saaraayii niitii Abraamiitiif, Mootiin Waan Maraa mootichaa fi kolbaa mana mootichaa keessa jirtutti dhukkuba hamaa buuse. 18 Maarre mootichi biyya Gibxi'ii Abraam waamee, «Wonni ati na irratti hujje kun maan? Akka isiin niitii teeti teete maaf natti hin himin? 19 Ati maaf, ‹Isiin obboleettii tiyya› jette? Tanaaf ani niitii isii godhadhee fuudhe. Amma niitiin teeti kunoo ti; fudhadhuu deemi!» Jedheen. 20 Mootichi marroo Abraamiitiif namoota ajajee, isaan niitii isaatii fi waan inni qabu mara woliin biyya Gibxiitii isa baasane.
<- Kitaaba Seera Dadaa 11Kitaaba Seera Dadaa 13 ->- a Kibba Kana'aanii: Afaan Ibrootaatiin Negeb jedha.
Languages