5 Looxiin Abraam woliin deemelle hori'ii fi maatii, akkasuma tajaajiltoota ifii qabaayyu. 6 Abraamii fi Loox horii guddaa waan qabanuuf, woliin turiisaaf lafa marraa isaan lamaaniifuu geettu dhabanee, 7 tissitoota horii Abraamiitii fi tissitoota horii Looxii oddu'utti lolli ka'e; yennaa san Kana'aanotii fi Pheeriisoti lafa san keessa le'aniiyyu.
8 Achiin duuba Abraam, Looxiin, «Nuuti obboleeyyan waan teeneef, si'ii fi ana oddu'utti, tissitoota horii keetiitii fi tissitoota horii kiyyaa oddu'utti lolli ka'uu hin malle. 9 Kunoo, latti duudiin si dura jirtii motii? Gargar baanuu ti! Ati yoo gara bita'aa fudhatte, ani gara middaa deema; yookiin ati yoo gara middaa fudhatte, ani gara bita'aa deema» jedhe.
10 Loox adaala ilaalee, dhooqi Yordaanosii haga qachaa Zo'aariititti akka oorruu Mootiin Waan Maraa Edenitti godhee, akka lafa Gibxi'iille bisaan akka qaddu dhagge; tun Mootiin Waan Maraa qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aa balleessiisaan dura. 11 Maarre Loox dhooqa Yordaanosii mara filatee, gara baya adu'uu godaane. Akka kanaan isaan lamaan gargar bayane. 12 Abraam lafa Kana'aanii keessa le'ee, Loox ammoo qachoota dhooqa Yordaanosii odduu le'e; dunkaana ifiille Yordaanos biratti dhaabbate. 13 Bara san kolbaan Sodoomii hamoolee, worra cubbuu guddo'oon Mootii Waan Maraa yakkeeru.
- a Kibba Kana'aanii: Yaadannoo Dad. 12:9 irratti kenname ilaali.
Languages