5 Mootiin Waan Maraa qacha'aa fi xelleephoo ilmaan namaa ijaarane san ilaaliisaaf gad bu'e. 6 Inni, «Kunoo, isaan kolbaa takka'a; marti isaaniituu afaan tokkocha dubbatan; kun waan isaan huju'uuf jiranu keessaa ka jalqabaa ti; waan isaan hujiisaaf yaada qabanu keessaa, takkaalle wonni isaan hujuu dadhabanu hin jirtu. 7 Kowa'a, gad buunee, akka isaan wolii hin galle,[b] afaan isaanii wol keessa akka makamu[c] goona» jedhe. 8 Maarre Mootiin Waan Maraa lafa duudii irra isaan bittinneessee, qachaalle ijaariisa lakkisane. 9 Mootiin Waan Maraa achitti afaan biyya lafaa wol keessa akka makamu waan godheef, maqaan addee sanii, «Baabel»[d] jedhamee moggaafame; Mootiin Waan Maraa achi irraa biyya lafaa duudii irra isaan bittinneesse.
12 Arfaaksaad dhalatee woggaa soddomii shanitti, Shalaa uumate; 13 Shalaan dhalateen duuba, Arfaaksaad woggaa dhibba afurii fi sad le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
14 Shalaan dhalatee woggaa soddomatti, Ebeer uumate; 15 Ebeer dhalateen duuba, Shalaan woggaa dhibba afurii fi sad le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
16 Ebeer dhalatee woggaa soddomii afuritti, Feleg uumate; 17 Feleg dhalateen duuba, Ebeer woggaa dhibba afurii fi soddoma le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
18 Feleg dhalatee woggaa soddomatti, Re'uu uumate; 19 Re'uun dhalateen duuba, Feleg woggaa dhibba lamaa fi sagal le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
20 Re'uun dhalatee woggaa soddomii lamatti, Seruug uumate; 21 Seruug dhalateen duuba, Re'uun woggaa dhibba lamaa fi torba le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
22 Seruug dhalatee woggaa soddomatti, Naahor uumate; 23 Naahor dhalateen duuba, Seruug woggaa dhibba lama le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
24 Naahor dhalatee woggaa diddamii sagalitti, Taaraa uumate; 25 Taaraan dhalateen duuba, Naahor woggaa dhibba tokkoo fi kudhanii sagal le'ee, ilmaanii fi ijoollee durraa dhibii uumate.
26 Taaraan dhalatee woggaa torbaatamatti, Abraam, Naahorii fi Kaaraan uumate.
31 Taaraan ilma ifii Abraam, akaakoo ifii Looxii ilma Kaaraanii, Saaraayii niitii ilmaa ifii Abraamii, fudhatee isaan woliin, biyya Kaldootaa Ur irraa ka'anee gara lafa Kana'aanii dhaqanee achi qubatane. 32 Taaraan woggaa dhibba lamaa fi shan le'ee, achiin duuba Kaaraan keessatti du'e.
<- Kitaaba Seera Dadaa 10Kitaaba Seera Dadaa 12 ->
Languages