9 «Nuutille, ‹Galma Waaqaa kana akka deebittanee ijaartanuuf, dhaaba Galma Waaqaa kanalle akka ijaartanee fixxanu eennutti isin ajaje?› jennee sooreyyii kolba'aa gaafanne. 10 Nuuti ammalle sooreyyiin hujii tanaa eennu fa'a akka te'ane barreessinee sitti beessisiisaaf, maqaa isaanii gaafanne.
11 «Isaanille deebisanee, ‹Nuuti tajaajiltoota Waaqa ol-gubba'aatii fi lafaa ti; Galma Waaqaa ka mootiin Israa'elii guddaan bara heddu'uun dura ijaaree fixe deebinnee ijaariisatti jirra. 12 Abbootiin teenna ta durii ammoo Waaqa ol-gubba'aa waan mufachiitteef, innille nama biyya Kaldootaa mootii Baabilonii Nebukadnezaaritti dabarsee isaan kenne; innille Galma Waaqaa diigee, kolbaalle gara Baabilonii booji'e. 13 Te'uu malee, Qiiros mootii Baabilonii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti Galmi Waaqaa kun akka deebi'ee ijaaramuuf ajaje. 14 Inni meya worqi'iitii fi meeti'ii ka Galma Waaqaa, ka Nebukadnezaar Galma Waaqaa Yerusaalem keessa jiru keessaa fuudhee, galma waaqota dharaa ka worra Baabilonii keessa keyeeru, gad baase; achiin duuba meya san namicha akka inni biyya Yihuda'aa bulchuuf filate, Sheshbazaaritti kenne. 15 Qiiros: Galmi Waaqaa Yerusaalem keessatti addee ifii ta duriititti deebifamee ijaaramuu ti. Atille meya kana fuudhiitii Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaatitti deebisi! jedhee isatti hime. 16 Maarre Sheshbazaariin kun dhufee hundee Galma Waaqaa Yerusaalem keessatti dhaabe; yennaa sanii jalqabee haga ammaatitti ijaaramiisatti jira; haga ammaa ammoo hin hobbaane› jedhane.
17 «Amma yoo si mooticha gammachiitte, Galmi Waaqaa kun Yerusaalem keessatti deebifamee akka ijaaramuuf, mooticha Qiiros irraa ajaji bayee yoo jiraate, galmeen mana meya mootumma'aa ka Baabilon keessaa ilaalantuu ti! Waan dubbii tanaa murtee teeti nuuf ergi» ka jedhu.
<- Kitaaba Izra'aa 4Kitaaba Izra'aa 6 ->
Languages