3 «Qiiros mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti marroo Galma Waaqaa ka dur Yerusaalem keessa jiruutiif ajaja baasee, ‹Galmi Waaqaa akka ciincaan itti ciinceffamuuf, deebifamee akka ijaaramu hundeen isaa keyamuu ti; dheerinni isaa ciqilee jaatama, badhinni isaalle ciqilee jaatama te'uu ti. 4 Tarreen sad dhakaa gugurda'aan naqamee, tarreen tokko xawulaan naqamee ijaaramuu ti! Gatiin isaalle beesee mana mootumma'aa keessaa kaffalamuu ti. 5 Akkasuma meya worqi'iitii fi meeti'ii ka Nebukadnezaar Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru keessaa fuudhee gara biyya Baabiloniititti geesse, addee isaaniititti deebifamanuu ti; Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru keessa keyamanuu ti› jedheera» ka jedhu.
6 Achiin duuba Daariyos, «Taatenaay bulchaan kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentuu, Shetaar-Boznaay, isin worri isaan woliin hujjanulle, Galma Waaqaa san irraa fagaadha'a! 7 Hujii Galma Waaqaa keessa hin galina'a! Galma Waaqaa kana bulchaan Yihudootaatii fi jaarsoleen Yihudootaa addee inni dur jirutti deebisanee ijaaranuu ti. 8 Kana maleelle, deebisanee ijaariisa Galma Waaqaa kanaaf jaarsolee Yihudootaa tanaaf isin maan akka gootanu isin ajaja; hujiin Galma Waaqaa akka hin dhaabbanne, beesee worri kutaa biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jiru, mootumma'aaf gibira gabbare keessaa, ariiti'iin wonni isaaniif barbaachisu guutumatti isaaniif kaffalamuu ti! 9 Waaqa ol-gubba'aatiif kennansa gubamu dhikeessiisaaf, waan barbaachisu mara dardaroota, korbeeyyii hoole'ee, yookiin korbeeyyii buruusoo hoole'ee akkasuma qamadii, soodda, daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa guyyuma guyya'aan hayyoota Yerusaalemiitiif kennamanuu ti. 10 Isaan ciincaa Waaqi ol-gubba'aa gammadaan fudhatu dhikeessanee, anaa fi jiruu ijoollee tiyyaatiif akka daadimatanuuf kun godhama. 11 Ajaja kana nami jijjiiru yoo jiraate, utubaan mana isaa keessaa buqqifamee, nami sun irratti dirmisiifamuu ti; sababa yakkaa isaatiif manni isaalle diigamee tuulaa kosi'ii akka te'u ani ajajeera. 12 Mootota yookiin gosa biyya adda addaa ta ajaja kana jijjiiriisaaf yookiin mana Waaqaa ka Yerusaalem keessaa kana diigiisaaf wodhaananu, Waaqi Yerusaalem lafa maqaan isaa itti waamamu godhee filate, isaan garagalchuu ti! Ani Daariyos ajaja kana baaseera; ajaji kunille akkuma jirutti hujii irra ooluu ti» jedhe.
16 Achiin duuba kolbaan Israa'elii, hayyooti, Lewwootii fi worri kuun ka boojuu irraa deebi'ane, guyyaa Galmi Waaqaa itti eebbifame gammada gudda'aan jilifatane. 17 Isaan eebba Galma Waaqaa kanaaf jiboota dhibba tokko, korbeeyyii hoole'ee dhibba lama, buruusoo korbeeyyii hoole'ee dhibba afur, ciincaa sababa cubbu'uutiif dhikaatuufille Israa'el duudi'iif, akka laakkossa gosa Israa'eliititti korbeeyyii re'e'ee kudhanii lama dhikeessane. 18 Akkuma kitaaba Muuse'ee keessatti barreeffame hayyoota akkuma qooda isaaniititti, Lewwootalle akkuma golii isaaniititti, Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessa jiru keessatti, tajaajila Waaqaatiif ramadane.
Languages