3 Zerubaabel, Iyaasu'uu fi sooreyyiin maatii Israa'elii ammoo deebisanee, «Isin Galma Waaqa keennaa nu woliin ijaariisaaf qooda hin qaddanu; akkuma mootichi Faaresii Qiiros nu ajaje, Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galmaa Waaqaa ka ijaaru nu qofa» jedhane.
4 Achiin duuba kolbaan lafa san keessa leetu, Yihudoota addii kutachiisanee akka isaan Galma Waaqaa hin ijaarre sodaachisane. 5 Bara bulchiinsa mootii Faaresii Qiirosiitiin jalqabee haga bulchiinsa mootii Faaresii Daariyosiititti, namoota karoora ijaarsa isaanii gufachiisu itti bitane.
6 Jalqaba bulchiinsa Ahashiwerosiititti, diinoti kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii mormiisaaf himannoo barreessane.
7 Bara bulchiinsa mootii Faaresii Artashaastaatitti Biishlaam, Miitradaat, Xaabe'elii fi worri isaan woliin jiru gara Artashaasta'aa xalayaa barreessane; xalayaan sun qubee Aaramiitiin barreeffamee afaan Aaramiititti hiikame.
8 Bulchaan Rehuumii fi barreessaan bulcha'aa Shiimshaay akka asii gad jirutti xalayaa Yerusaalem mormu gara mooticha Artashaasta'aa barreessane:
9 Xalayaan sun bulchaa Rehuum, barreessaa bulcha'aa Shiimshaay, worra isaan woliin huju abbootii mura'aatii fi qondaaltota, Faaresii, Erekii, Baabiloniitii fi worra Elaamii ka Suusaa keessaa, 10 akkasuma kolbaa worra dhibii ka Osnaapheriin guddichii fi hunnaamessi booji'ee qachaa Samaariya'aatii fi kutaa biyyaa ka laga Efraaxiisiitiin gama qubachiise irraa barreeffame. 11 Garagalchi xalayaa kanaa:
17 Mootichi Artashaastaan deebii ergee, «Bulchaa Rehuumiif, barreessaa Shiimshaayiif, worra isaan woliin huju ka Samaariyaa keessa le'anuu fi akkasuma worra laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu le'anuuf, nageenni isiniif te'u.
18 «Xalayaan isin ergitane hiikamee na duratti dubbifameera; 19 anille akka qorqoranu isaan ajajee, qachaan Yerusaalemii duriinuu jalqabee dabarsii dheertuu ka mootota irratti finqila kaasu, ka finqillii fi rakkinni keessa guute akka te'e dhaggeera. 20 Yerusaalem mootota jajjaba biyya laga Efraaxiisii irraa gara aduun seentu jiranu bulchu ka gibira, qaraxaa fi beesee waan adda addaatiif buusanu guuru qaddiiyyu. 21 Tanaaf, haga ani ajajutti, qachaan kun deebi'ee akka hin ijaaranne, namooti hujii akka dhaabbachiisanu ajaja'a. 22 Waan kana akka waan kaso'oo akka hin ilaalle ifi eeggadha'a! Wonni mootummaa miidhu, maaf guddataa deema ree?» jedhe.
23 Akkuma yaadi xalayaa mooticha Artashaastaa irraa dhufe, Rehuum, barreessaa Shiimshaayii fi worra isaan woliin hujuuf dubbifameen, yoosuma gara Yihudoota Yerusaalem keessa jiranuu dhaqanee, hunnaan hujii dhaabbachiisane.
24 Maarre Daariyos mootii Faaresii te'ee haga woggaa lammeesso'ootitti, hujiin Galma Waaqaa ka Yerusaalem keessaa dhaabbate.
<- Kitaaba Izra'aa 3Kitaaba Izra'aa 5 ->
Languages