5 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Biyya hedduu isi'itti naannessee, ta ani gosa biyya adda addaa wodhakkaa keye, Yerusaalem tana. 6 Isiin gosa biyya adda addaa caalaa waan hantuu hujiisaan ajaja kiyya diddee, biyya naannoo isi'ii jiranu mara caalaa na finqilteerti; ajaja kiyya gatteerti; seerata kiyyalle hin hordofanne» jedha. 7 Tanaaf Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Isin worri Yerusaalemii, isin gosa biyya adda addaa ka naannoo teessan jiranu caalaa seeri malee teetaneertan; ajajaa fi seerata kiyyalle hin eeganne; akka ajaja gosa biyya adda addaa ka naannoo teessan jiranuutuu hin hujanne» jedha. 8 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, aninuu si irratti hin ka'a; gosi biyya adda addaa marti adoo ilaaluu muraa si irratti hin fida. 9 Sababa hujii diqatantuu ati hujje maraatiif, waan tanaan qara godhee hin beenne, ta gara duraalle hin goone si irratti hin godha. 10 Tanaaf si keessatti, abbootiin ijoollee ifii, ijoolleen abbootii ifii hin nyaatti; ani muraa si irratti hin fida; worra jiru'uun hafe gara mara hin bittinneessa» jedha. 11 Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Ani Mootiin Waan Maraa, dhugumaan jiraata'a! Ati hammeennaa fi waan diqachiisu hujiisaan addee woyyittii tiyya waan batteessiteef, anille marartii malee akka ati salphattu hin godha. 12 Kolbaan teeti harka sad keessaa harki tokko beelaa fi dhukkubaan si keessatti hin dhumatti; harka sad keessaa harki tokko adaala keetitti shallaaga'aan hin dhumatti; harka sad keessaa harka tokko gara mara bittinneessee, shallaagaa buqqifadhee isaan hin ari'a.
13 «Akka kanaan ani aarii tiyya hin qabbaneeffadha; mufii tiyya isaanitti buusee, gadhaan kiyya gabbi na hin jedha. Yennaa ani mufii tana isaanitti fide, isaanille ani Mootiin Waan Maraa hinaaffa'aan akka dubbadhe hin beekan. 14 Gosa biyya adda addaa oddu'utti, ila worra achiin dabaruu mara duratti si diigee onsee, akka sitti murganu hin tolcha.
15 «Ani yennaa aari'ii fi mufi'iin, xixicha jaba'aan muraa sitti fidu, ati gosa biyya adda addaa mara duratti waan coora'aatii fi murgo'oo, waan dhagganee ifi eegatanuu fi dhagganee bararaqanu hin teetan. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera. 16 Ta isin ijjeettuu fi ta isin balleessitu beela akka daayaa yennaa isinitti buusu, beela irratti beela yennaa isiniif ede'u, sagalee isin hin dhoogga. 17 Beelaa fi bineensa isinitti ergee, isaan ijoollee teessan hin fixan. Woraanalle isinitti hin fida; dhukkubii fi dhiiga dhangalaasiis odduu teessan hin guutan. Ani Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera» jedhe.
<- Hizqi'elii Raagichaa 4Hizqi'elii Raagichaa 6 ->
Languages