8 «‹Te'uu malee yennaa isin gosa biyya adda addaa odduu bittinnoottanu, isin keessaa worra garii ka shallaagaa jalaa miliqee hafu, lubbu'uun hin hambura. 9 Achiin duuba worri shallaagaa jalaa miliqee hafe kun, naaf addatamummaa dhabiisaan na irraa goranee, waaqota dharaa waaqonfatanee, attam akka na gaddisiisane, gosa biyya adda addaa addee itti booji'amane oddu'utti, na hin qaabatan. Isaan hujii hantuu hujaneef, hujii battii hujane maraafille, ifi hin jibban. 10 Isaan ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beekan. Waan hantuu tana isaan irratti akka fidu ani akkasumaan hin dubbanne jedha› jedhi» jedhe.
11 Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Kolbaan Israa'elii sababa hujii hantuu battittii hujje maraatiif, shallaaga'aan, beelaa fi dhukkubaan waan dhumattuuf, harka dhowaa, miilaan lafa dhidhiitaa, ‹Aanne'e!› jedhii bowi. 12 Worri fagoo jiru dhukkubaan hin dhumata; worri dhikoo jiru shallaaga'aan hin dhumata; worri tana jalaa bayee hafe beelaan hin dhumata; akkanaan ani mufii tiyya jadduu isaan irratti hin baafadha. 13 Isaan keessaa worri qalame odduu waaqota dharaa ka isaanii adaala addee ciinca'aa ta isaaniititti, koobota dhedheertuu mara irratti, gaarota mara irratti, muka bisilee mara jalatti, qilxaa banqaaqaa mara jalatti, addee waaqota dharaa ka ifiitiif kennansa foolee dansaa qabu itti dhikeessane maratti, reeffi isaanii yennaa gombifame, ani Mootii Waan Maraa akka te'e hin beettan. 14 Ani harka kiyya isaan irratti diriirsee, addee isaan le'anu mara, lafa isaanii duwwaa godhee, goomolee kibbaa irraa jalqabee haga qachaa Diiblaa ka gara kaabaatitti hin onsa. Achiin duuba ani Mootii Waan Maraa akka te'e isaan hin beekan» jedhe.
<- Hizqi'elii Raagichaa 5Hizqi'elii Raagichaa 7 ->
Languages