4 «Achiin duuba gara cinaacha bita'aatitti irkadhuutii, cubbuu Israa'elii ba'adhu; akka laakkossa guyyaa cinaacha keeti irratti irkateetitti cubbuu isaanii hin ba'atta. 5 Akka laakkossa woggaa Israa'elooti cubbuu hujjaneetitti, guyyoota laakkowee sii hin kenna. Tanaaf, guyyaa dhibba sadii fi sagaltama cubbuu Israa'elootaa hin ba'atta. 6 Yennaa tana fixxe, yennaa lammeesso'oo cinaacha middaa irratti guyyaa afurtama irkattee, cubbuu Yihudootaa hin ba'atta. Cubbuu woggaa tokko tokkootiif, guyyaa tokko tokko akka irkattu ani murteesseera.
7 «Ati fuula keeti gara marfama Yerusaalemii deebifadhuutii, ila itti baasii, harka keeti irraa woyaa caccaffadhuutii, raaga ifi eeggachisiisaa itti dubbadhu. 8 Haga guyyaan marfama keetii sun fixamutti, cinaacha kaan irraa gara cinaacha kaaniititti akka ati gara hin galle ani wodaro'oon si hin hidha.
9 «Qamadii, garbuu, baaqela, misira, mishinqa'aa fi garbuu qoroxo fuudhiitii wolitti makii daabboo huji; guyyaa dhibba sadii fi sagaltama yennaa cinaacha keeti irratti irkatu san isii san hin nyaatta. 10 Sagaleen ati guyyuma guyya'aan nyaattu, gara giraama dhibba lama fi soddoma teetuu ti; isuma tana yennaa murtootte keessatti nyaadhu. 11 Hagi bisaan ati guyyuma guyya'aan untuulle gara wodhakkaa[a] litiri'ii te'uu ti. 12 Faalowa namaa ka goge bobeeffadhuutii, addee nami dhaggutti akka daabboo garbu'uu bilcheeffatutti daabboo san bilcheeffadhuu nyaadhu» jedhe.
13 Mootiin Waan Maraalle, «Akkuma kana kolbaan Israa'elii addee ani isaan itti bittinneessu gosa biyya adda addaa oddu'utti sagalee ifii battii hin nyaatan» jedhe.
14 Achiin duuba anille, «Goottaa Mootii Waan Maraa, hoola! Ani ijjumaa battowee hin beeku. Ijoollummaa tiyyaan jalqabee waan ifiin du'e yookiin waan bineensi ijjeese ani ijjumaa nyaadhee hin beeku; foon battowe afaan kiyya seenee hin beeku» jedhe.
15 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, anaan, «Kunoo, addee faalowa namaa, dhoqqee loonii bobeeffattee, sagalee akka itti bilcheeffattu hin godha» jedhe.
16 Inni ammalle, anaan, «Ilma namaa! Kunoo, ani sagalee Yerusaalemiif dhikaattu irraa hin kuta. Isaan yaaddo'oon guutamanee, sagalee madaalli'iin nyaataa, bisaan qusataa hin unan. 17 Ani akka isaan sagale'ee fi bisaan dhabanuuf, wol ilaalanee akka isaan rifatanuuf, sababa yakkaa ifiitiif gad deebi'anee akka isaan badanuuf, tana hin godha.
<- Hizqi'elii Raagichaa 3Hizqi'elii Raagichaa 5 ->- a Wodhakkaa: Yookiin gamis.
Languages