1 Mootiin Waan Maraa, anaan, «Ilma namaa! Ati waan asitti dhaggite mara nyaadhu; kitaaba maramaa kana nyaadhuutii, dhaqii kolbaa Israa'eliititti dubbadhu!» jedhe.
2 Maarre ani afaan banadhee, innille kitaaba maramaa kana akka nyaadhu naa kennee, 3 «Ilma namaa! Ati kitaaba maramaa ani sii kennu kana nyaadhuutii, gadhaa keeti guutadhu!» jedhe; achiin duuba anille kitaaba maramaa san nyaadhee, innille afaan kiyya keessatti akka dammaa mi'owe.
4 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa, anaan, «Ilma namaa! Gara kolbaa Israa'elii dhaqiitii jecha kiyya isaanitti dubbadhu. 5 Ati gara kolbaa Israa'elii ergante malee, gara gosa biyya adda addaa hedduu orma ta afaan isaanii hin beekkanne, ta dubbiin isaanii rakkisaa teetee hin erganne; 6 ani gara kolbaa afaan isaanii hin beekkannee, ta dubbiin isaanii rakkisaa teetee, si hin ergine. Dhugumaan, adoo achi si ergee jiraadhee, sila isaan si hin dhage'aniiyyu. 7 Kolbaan Israa'elii ammoo na caqasiisa waan hin fedhiniif, si caqasiisa hin feene. Sababille kolbaan Israa'elii marti mataa jaba'aa fi gadhaa jabaa qaban. 8 Kunoo, ani fuula isaanii duratti fuula keetii fi adda keeti hin jabeessa. 9 Ani adda keeti akka dhakaa jaba'aa, dhakaa-birraalle caalaa jabeessa; isaan worra finqilaa waan te'aneef, isaan hin sodaatin; hin rifatinille'e» jedhe. 10 Ammalle, inni, anaan, «Ilma namaa! Jecha ani sitti dubbadhu mara gurra keetiin dhage'iitii, gadhaa keetitti qabadhu. 11 Gara worra booji'amee, gara kolbaa keetii dhaqiitii, yoo dhage'anelle yookiin yoo dhage'uu didanelle, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa akkana jedha› jedhiin» jedhe.
12 Achiin duuba Ayyaanni Waaqaa ol na fuudhee, duuba kiyyaan, qoonqoon guddoon ta akka lafa tachootuu takka, «Ol-gubbaa keessatti ulfinni Mootii Waan Maraa ka leellifame te'uu ti» jettuun dhage'e. 13 Qoonqoon sun ta koolli dada lubbuu qabanu sanii yennaa wol dhowanu shookkisuutii fi ta korboo cinaa isaanii jirtuu ta akka lafa tachootuu hididdittuu ti. 14 Ayyaanni ol na fuudhee deeme; anille hadheeffataa, aaree bobe'aa achii deeme; irreen Mootii Waan Maraalle na irratti jabaatteertiiyyu. 15 Ani gara worra booji'amee laga Kebaarii bira Tel-Abiib jiranuu dhaqe. Ani akkuma nayee waan godhu wollaaletti, guyyaa torba odduu isaanii ture.
22 Achille'etti irreen Mootii Waan Maraa na irra jirtiiyyu. Inni, anaan, «Ka'ii gara lafa dhooqaa dhaqi; anille achitti sitti hin dubbadha» jedhe.
23 Maarre anille ka'ee gara lafa dhooqaa san dhaqe; kunoo, ulfinni Mootii Waan Maraa ka akka ani laga kebaarii biratti dhaggeeruu sun achi dhaabbateeruun dhagge; anille fuula kiyyaan gad gombifame. 24 Te'uu malee, Ayyaanni Waaqaa na irratti bu'ee miila kiyyaan na dhaabbachiisee, natti dubbatee, «Deemi, gara mana keetii galii, balbala ifitti cufadhu. 25 Ee ilma namaa! Ati akka xaxantee odduu kolba'aatitti gad bawuu hin dandeenne, kunoo, wodaro'oon hin hidhanta. 26 Isaan kolbaa finqiltuu waan te'aneef, akka ati isaan xixuu hin dandeenne, ani arraba keeti laagada'atti hin maxxansa. Duudaa hin teeta. 27 Ani yennaa sitti dubbadhu ammoo afaan keeti hin bana; atille isaaniin, ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa akkana jedha› hin jetta. Isaan worra finqilaa waan te'aneef, nami dhage'u, dhage'uu ti; nami dhage'uu didatu lakkisuu ti.
<- Hizqi'elii Raagichaa 2Hizqi'elii Raagichaa 4 ->
Languages