1 Mootiin Waan Maraa biyya Gibxi'ii keessatti Muuse'ee fi Aaroniin, 2 «Jiin kun ji'a qaraa, ji'a jalqaba wogga'aa isiniif te'uu ti. 3 Ji'a kana guyyaa kudhaneesso'ootitti, nami tokko tokkooyyuu maatii ifiitiif, buruusoo korbeessa hoole'ee yookiin re'e'ee tokko akka qopheessu wolde'a Israa'eliititti himi. 4 Maatiin takka buruusoo korbeessa hoole'ee yookiin re'e'ee san nyaatanee fixiisaaf laakkossi isaanii yoo diqqaate, nami sun ollaa ifii woliin akkuma laakkossa namoota maatii saniititti qoodamanuu ti; haga nami tokko nyaatuu dande'u shallaganee qoodamanuu ti. 5 Buruusoon sun korbeeyyii woggaa tokkoo ta fafa hin qanne te'anuu ti; isaan kana hoolee yookiin re'ee keessaa filadha'a. 6 Buruusoo san ji'a san keessa haga guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti tissitanee, guyyaa kudhanii arfeesso'oo galgala dimimmisa kolbaan Israa'elii marti qalattuu ti. 7 Achiin duuba isaan dhiiga diqqaa isaa fuudhanee, mana foon itti nyaatanu san mikikkila balbalaa ka cinaa lamaaniituu, mikikkila balbalaa ka gubba'aalle dibanuu ti. 8 Halkanuma san foon san ibiddatti woddanee baala hadhowuu fi daabboo uukoo hin qanne woliin nyaatanuu ti. 9 Foon dheedhii yookiin foon iffeelame hin nyaatina'a; mataa, manye'ee fi meya gadha'aa woliin ibiddatti wodda'aatii nyaadha'a. 10 Foon san irraa tokkolle haga bari'iititti hin hamburina'a; yoo hafe ibiddaan guba'a. 11 Jila irra dabaramaa ta ana Mootii Waan Maraa ulfeessiisaaf jilifattanu waan teeteef, yennaa nyaattanu, akka nama karaa deemiisaaf qophowee, woyaa uffadha'aa, kophee keyadha'aa, ulee teessan harkatti qabadha'aatii ariiti'iin nyaadha'a.
12 «Halkanuma san ani biyya Gibxi'ii keessa deddeemee, waan angafa te'e mara, ka namaatii fi ka hori'iille hin ijjeesa; waaqota biyya Gibxi'ii mara irratti hin mura. Ani Mootii Waan Maraa ti. 13 Mana isin keessa jirtanu irratti dhiigi beessisa isiniif hin te'a; ani yennaa dhiiga san dhagge, isin irra hin dabara; Yennaa biyyaa Gibxi'iititti balaa buusu, isin irratti balaan tokkolle hin bu'u.
14 «Guyyaan kun guyyaa yaadanno'oo isiniif te'uu ti. Dhaloota dhufuufille seerata bara baraa te'ee, ana Mootii Waan Maraa ulfeessiisaaf jilifattan.