4 Maarre Muuseen mootichaan, «Mootiin Waan Maraa, ‹Halkan wodhakkaa ani lafa Gibxi'ii mara keessa hin deddeema; 5 ilmaan angafooti Gibxi keessaa marti hin du'an; ilma angaficha mooticha barcumaa mootumma'aa irra tee'uun jalqabee haga ilmaan angafoota dubartoota garboolee daakuu daattuutitti, angafooti hori'iille martinuu hin du'an. 6 Biyya Gibxi'ii mara keessatti, iyyi wiiccifataa ka kanaan qara te'ee hin beenne yookiin ka gara duraalle hin teene hin te'a. 7 Namaa fi horii Israa'elootaatitti ammoo sareelle itti hin duttu; worra Israa'elootaatii fi worra Gibxi'ii oddu'utti Mootiin Waan Maraa garaagarummaa akka godhe kanaan hin beettan› jedheera» jedhe. 8 Muuseen, «Qondaaltoti teeti tun marti gara kiyya dhufanee, na duratti gad jedhanee, ‹Atii fi kolbaan si gula deentu martinuu deema'a!› jedhanee na hin kadhatan; saniin duuba ani hin deema» jedhe. Achiin duuba Muuseen aarii jaddu'uun mooticha biraa bayee deeme.
9 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Bilbaasi kiyya biyya Gibxi'ii irratti akka bacatuuf, mootichi isin dhage'uu hin didata» jedheeraayyu. 10 Muuse'ee fi Aaronille fuula mootichaa duratti bilbaasota kana mara godhane; Mootiin Waan Maraa ammoo mooticha mataa waan jabeesseef, mootichi Israa'elooti biyya isaa keessaa akka bayanu gad hin lakkinne.
<- Kitaaba Seera Bayiisaa 10Kitaaba Seera Bayiisaa 12 ->
Languages