3 Achiin duuba Muuseen kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa, irree jaddu'uun achi keessaa waan isin baaseef, lafa garbumma'aa, biyya Gibxi'ii keessaa guyyaa baatane kana qaabadha'a. Guyyaa kana waan uukoo qabu hin nyaatina'a. 4 Guyyaa adhaa, ji'a ‹Abiib› jedhamu keessa biyya Gibxi'ii keessaa bayaartan. 5 Mootiin Waan Maraa lafa aananii fi dammaa ta inni isinii kenniisaaf, abbootii teessan ta duriitiif waadaa gale lafa kana'aanotaa, lafa Heetotaa, lafa Amoorotaa, lafa Hiiwotaatii fi lafa Yibusootaa sanitti yennaa galtane, ji'a kana keessa jila tana jilifattan. 6 Guyyaa torba daabboo uukoo hin qanne nyaattanee, guyyaa torbeesso'oo ulfinna Mootii Waan Maraatiif jila jilifattan. 7 Guyyaa torbaan kana daabboo uukoo hin qanne nyaattan; daabboon uukoo qaddu adaala lafa teessanii keessa eessalle hin jiraatin. 8 Guyyaa san isin, ‹Kun yennaa nuuti biyya Gibxi'ii keessaa baane waan Mootiin Waan Maraa nu'uuf godhe› jettanee ilmaan teessanitti hintan. 9 Mootiin Waan Maraa irree jadduu ifiitiin biyya Gibxi'ii keessaa waan isin baaseef, seerri Mootii Waan Maraa afaan keessanii akka hin buune, akka beessisa harka keessan irraatii fi akka yaadannoo adda keessan irraa isinii hin te'a. 10 Seera jila tanaa eegadha'aatii guyyaa isaaf murteeffame sanitti wogguma wogga'aan jilifadha'a.
14 «Hegeri ilmi keeti, ‹Wonni ati tolchitu kun maan› jedhee yoo si gaafate, tokko tokkoon keessan, ‹Mootiin Waan Maraa irree jadduu ifiitiin lafa garbumma'aa biyya Gibxi'ii keessaa nu baase. 15 Mootichi biyya Gibxi'ii mataa jabaatee yennaa gad nu lakkisuu dide, Mootiin Waan maraa ammoo, waan angafa te'ee biyya Gibxi'ii keessatti dhalate, ka namaatii fi ka hori'ii mara ijjeese. Tanaaf horii keessaa angafa te'ee ka dhalate, kormaa fi korbeessa mara Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessinee, ilmaan angafoota ammoo wodanna› jedha'aa itti hima'a. 16 Mootiin Waan Maraa irree jadduu ifiitiin biyya Gibxi'ii keessaa waan nu baaseef, akka beessisa harka keeti irraatii fi akka yaadannoo adda keeti irraa si'iif hin te'a jedhiin» jedhe.
19 Yoseef, «Waaqi dhugumaan isin hin yaadata; achiin duuba isin lafee tiyya fuudha'aa asii baya'a» jedhee Israa'eloota waan kakachiiseeruuf, Muuseen lafee Yoseefii fuudhee baye.
20 Israa'elooti Suukootii ka'anee, irga goomolee Etaamiititti qubatane. 21 Akka isaan halkanii fi guyyaa deemuu dande'anu, Mootiin Waan Maraa guyyaa utubaa duumensaatiin isaan sooressaa, halkan utubaa ibiddaatiin ifa isaaniif issaa isaaniin dura deeme. 22 Guyyaa utubaan duumensaa, halkan utubaan ibiddaa kolbaa duraa yennaan dhabame hin jiru.
<- Kitaaba Seera Bayiisaa 12Kitaaba Seera Bayiisaa 14 ->
Languages