6 Maarre qondaaltotii fi bulchitooti gara mootichaa dhaqanee, «Ee mootii Daariyos, haga bara baraa le'i! 7 Ee mooticha, haga guyyaa soddomaa eennulle gara keeti malee, gara namaa yookiin gara waaqa dhibi'ii akka hin daadimanne, ati mootichi ajaja baattee, ajaji sunille akka muummeffamu, nami ajaja kana hin muummessine boolla neenqaatitti akka gatamu, nuuti qondaaltoti mootumma'aa gugurdoon, sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitootii fi gorsitooti wolii galleerra. 8 Amma, ee mooticha, ajaji kun akka seera Medooniitii fi Faaresii ka jijjiiramuu hin dandeennee akka te'u, barreessiitii itti mallatteessi» jedhane. 9 Tanaaf mootichi Daariyos ajaja kana barreessee itti mallatteesse. 10 Daani'el ajaji akka itti mallatteeffame yennaa beeke, gara mana ifii ka kolloon mana irraa ka foddaan isi'ii fuullee Yerusaalemiititti banameeruu ol bayee, akkuma dur godhu guyya'atti yennaa sad jilbiiffatee gara Waaqa ifii daadimatee, leellifate.
11 Namooti sun, Daani'el gara Waaqa ifii daadimataa, isa irralle'ee qarqaarsa gaafatuun dhaggane. 12 Achiin duuba isaan Daani'el himatiisaaf gara mootichaa dhaqanee, marroo ajaja baye saniitiif, «Ee mooticha, nami guyyaa soddoma kana keessatti gara keeti qofa malee, gara waaqa dhibi'ii yookiin gara namaa daadimate, boolla neenqaatitti akka gatamuuf ajaja bayetti mallatteessiteertaayyuu motii?» jedhane.
13 Achiin duuba isaan mootichaan, «Ee mooticha, Daani'el worra biyya Yihuda'aatii booji'amane keessaa tokko ka te'e sun, si'iif yookiin ajaja ati itti mallatteessiteef ulfinna hin kennu. Inni haga ammaa guyya'atti yennaa sad gara Waaqa ifii daadimata» jedhane.
14 Mootichi tana yennaa dhage'e guddoo gadde; inni Daani'el baasiisaaf murteeffatee, haga aduun seentutti mala isa ittiin baasu mara wodhaane. 15 Achiin duuba namooti sun, gara mootichaa dhufanee mootichaan, «Ee mooticha, akka seera Medooniitii fi Faaresiititti lassiin yookiin ajaji mootichi baase tokko jijjiiramuu akka hin dandeenne beeki» jedhane.
16 Tanaaf mootichi ajajee jennaan, Daani'el qabanee fidanee boolla neenqaatitti gatane; mootichille Daani'eliin, «Waaqi ati yennaa mara addatamumma'aan tajaajiltu si baasuu ti» jedhe. 17 Dhakaa tokko fidanee afaan boollaa irra keyanee, eennulle Daani'el baasiisaaf akka hin wodhaanne, mootichi chaappaa qubee quba ifiitii fi ta qondaaltota ifiitiin dhakaa san irratti mallatteesse. 18 Achiin duuba mootichi gara mootummaa ifii deebi'ee, halkan san sagalee adoo hin nyaatin, wonni isa gammachiisulle akka isaaf dhikaattu adoo hin barbaadin, hirriiba dhabee bule.
19 Ganama akkuma boruun dayya'een mootichi ka'ee, ariiti'iin gara boolla neenqaa dhaqe. 20 Inni yennaa boolla bira geye qoonqoo gaddaatiin, «Daani'el, tajaajilaa Waaqa jiraata'aa, Waaqi ati yennaa mara addatamumma'aan tajaajiltu neenqa jalaa si baasuu dande'eera?» jedhee waame.
21 Daani'el deebisee, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i! 22 Ani Waaqa kiyya duratti ka komii hin qanne te'ee waan dhaggameef, akka neenqi na hin miine, inni ergamaa ifii ergee afaan neenqaa cufe; ee mooticha, ani si duralle'etti dokonkora hin hunye» jedhe.
23 Mootichi guddoo gammadee, Daani'el boolla san keessaa akka ol baasanu ajaje; maarre isaan boolla san keessaa isa ol baasane; Daani'el Waaqa ifiititti waan addateeruuf, madaan takkaalle isa irratti hin dhaggane. 24 Ajaja mootichaatiin worra Daani'el dharaan himate san niitota isaaniitii fi ijoollee isaanii woliin fidanee, boolla neenqaatitti gatane; adoo isaan boolla keessa lafa hin geyin, neenqoti isaan bubbutanee lafee isaanii mara butuchane.
25 Achiin duuba mootichi Daariyos gara kolbaa heddu'uu, gosa biyya adda addaatii fi kolbaa afaan adda addaa dubbattu ta biyya lafaa duudii keessa leetuu barreessee,
28 Bara bulchiinsa mooticha Daariyositii fi bara bulchiinsa Qiirosii mooticha Faaresii keessa Daani'eliif le'iin tolte.
<- Daani'elii Raagichaa 5Daani'elii Raagichaa 7 ->
Languages