1 Bara Belshaazaar mootii Baabilonii te'e woggaa qaraa keessa, Daani'el taqee ifii irra irkatee adoo jiruu oojjuu oojjatee, mudhiille dhagge; achiin duuba oojjuu oojjate san barreesse. 2 Daani'el, «Ani qilleensi ol-gubba'aa ka maddii afur irraa ka'e, abbaayaa guddittii raasuun halkan mudhi'iin dhagge. 3 Bineensoti adda addaa gugurdaan afur abbaayaa san keessaa bayane. 4 Bineensi qaraa neenqa fakkaata; inni akka risa'aa koola qaba; adoo ani ilaaluu koollii isaa irraa buqqa'ee, lafaa ol ka'ee, akka namaa miila lamaaniin dhaabbatee, qalbiin namaalle isaaf kennante.
5 «Bineensi lammeesso'oo doobbaa fakkaata; inni gara duraatiin ol jedhee, lafee cinaachaa sad afaanitti qabaayyu; bineensa saniin qoonqoon, ‹Haga dandeette foon nyaadhu!› jette.
6 «Saniin duuba bineensa dhibii ka qeeransa fakkaatu dhagge; bineensi kun dudda ifii irraa koola afur ka akka koola sinbirre'eetii fi mataa afur qabaayyu; akka bulchuufille baalliin isaaf kennante.
7 «Saniin duuba, bineensa arfeesso'oo ka bararassu, ka sodaachisuu fi jabaa hamaa halkan mudhi'iin dhagge; bineensi sun ilkaan sibiilaa gugurdaa qaba; inni waan ijjeese nyaatee, caccasse; waan hafelle miilaan irra sirbe; inni bineensota isaan qara jiranu mara irraa ka isa adda godhu, gaafa kudhan qabaayyu. 8 Ani marroo gaafota isaa san adoo yaadiisatti jiruu, gaafi diqqichi dhibiin odduu gaafota saniitiin quuqee ol baye; gaafota qaraa keessaa sadiin ka isaan dura jiranu buqqa'ane; gaafi diqqichi kun ila akka ila namaatii fi afaan ittiin kooraa dubbatu qabaayyu» jedhe.
11 «Ani sababa dubbii gaafi sun kooraan dubbatuuf isa ilaale; adoo ani ilaaliisatti jiruu, bineensi sun ijjeefamee, reeffi isaa gubatee akka baduuf ibiddatti gatame. 12 Bineensota hafane kaan irraa baalliin isaanii fudhatante; ammoo yennaa murtootteef akka le'anu, yennaan isaaniif kennante.
13 «Ani ilma namaa ka fakkaatu duumensa ol-gubba'aatiin dhufiisatti jiruun, halkan mudhi'iin dhagge; inni gara ka haga bara bara jiraatuu dhufee isa duratti dhikeeffame. 14 Kolbaan hedduun, gosi biyya adda addaatii fi kolbaa afaan adda addaa dubbattu akka isa tajaajilanuuf baalliin, ulfinnii fi hunni Mootii waan maraa te'iisaa isaaf kennante; barri bulchiisa isaa ka haga bara baraa hin dabarre; mootummaan isaalle ijjumaa dhuma hin qaddu.
19 «Achiin duuba ani marroo bineensa arfeesso'oo, ka bineensota kaan mara irraa adda te'e, ka guddoo sodaachisu, ka ilkaan sibiilaatii fi qeenca sageettu'uu qabu, ka waan ijjeese nyaatee, caccassee, waan hafelle miilaan irra sirbuu, hiikkaa isaa ta dhuga'aa beekuu barbaade. 20 Akkasuma marroo gaafota kudhan ka mataa isaa irra jiruu, marroo gaafa diqqicha quuqee ol bayeetii fi marroo gaafota sadii ka gaafa diqqicha duraa buqqa'anee beekuu barbaade; gaafi diqqichi kun gaafota kaan ka caalu fakkaatee, ila akka ila namaatii fi afaan ittiin kooraa dubbatu qabaayyu.
21 «Ani adoo ilaaluu gaafi diqqichi sun kolbaa Waaqaatitti lola kaasee, 22 haga ka Durii Durii Sun dhufee, kolbaa Waaqa Ol-Aana'aatiif muraa haqaa kennutti, inni isaan injifate; yennaan kolbaan Waaqa Ol-aana'aa sun mootummaa san qabatanulle geette.
23 «Ka hiikkaa natti hime sun, ‹Bineensi arfeesso'oo sun, mootummaa arfeesso'oo ta lafa irratti ka'u'uu jirtu. Isiin mootummoota dhibii mara irraa adda teetee, lafa duudii nyaattee, irra sirbitee butuchiti. 24 Gaafoti kudhan sun mootota kudhan ta mootummaa san keessaa ka'u'uu jirtu; mootota saniin duuba mootiin dhibiin ka isaan irraa adda te'e ka'ee, mootota sadiin hin injifata. 25 Inni Waaqa Ol-Aana'atti mormee hin dubbata; kolbaa Waaqa Ol-Aana'aalle cunqursee, yennaa jila beekkanteetii fi seera Waaqaa jijjiiriisaaf hin wodhaana; kolbaan Waaqaa woggaa sadii fi wodhakkaa baallii isaatiin jala hin teeti. 26 Achiin duuba korri mura'aa ka ol-gubba'aa hin tee'a; mootii te'iis isa irraa fudhatamee, ijjumaa hin bada. 27 Mootummaan, mootii waan maraa te'iis, hunnii fi guddinni mootummoota lafa duudii irra jiranuu, kolbaa Waaqa Ol-Aana'aatiif hin kennaman; mootummaan isaanii mootummaa haga bara baraa ti; mootoleen marti isaaniif ajajamiisaan isaan hin tajaajilan› jedhe.
28 «Hiikkaan oojju'uu as irratti dhumatte; ani Daani'el guddoo sodaadhee, bifi tiyya jijjiirante; dubbii san ammoo qalbi'itti qabadhe» jedhe.
<- Daani'elii Raagichaa 6Daani'elii Raagichaa 8 ->- a Ka Durii Durii Sun: Waaqa jechu'u.
Languages