5 Dedhuma qubi harka namaa mudhatee, mana mootumma'aa keessatti dhoobbuu dalleyaa, ta fuullee waan issaan irra keyamuu jirtuu irratti barreessuu jalqabe. Mootichi quba barreessiisatti jiru san dhagge. 6 Achiin duuba mootichi guddoo sodaatee, fuulli isaa jijjiirame; harkii fi miilli isa irraa bu'ee, jilbi isaalle wol dhowe. 7 Mootichi qoonqoo guddo'oon, worra xanu, worra moruu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara isaa akka ol seensisanu ajaje. Yennaa isaan ol seenane inni isaaniin, «Nama barreeffama kana dubbisee hiikkaa isaa natti himutti woyaan dhiilleen isatti hin uffifanti; worqiin mormaa morma isaatitti hin keyanti; mootummaa tiyya keessalle'etti addee sadeesso'oo qabatee hin bulcha» jedhe. 8 Achiin duuba qarooleen mootichaa marti ol seenane; ammoo barreeffama dubbisuu yookiin hiikkaa isaa mootichatti himuu hin dandeenne. 9 Maarre mootichi Belshaazaar ka durii caalaa guddoo sodaatee, fuulli isaa jijjiirame; qondaaltoti isaalle waan jettu wollaalte.
10 Haati mootichaa qoonqoo mootichaatii fi qondaaltota isaa yennaa dhageette, gara addee jilaa ol seentee, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i! Hin raafamin; fuulli keetille hin jijjiiramin! 11 Mootummaa teeti keessa nami ayyaanni waaqota woyyootaa isa keessa jiru tokko jira; nami sun bara mootummaa abbaa keetii akka waaqotaa beekkumsaan, hubanti'ii fi qarumma'aan guutamee dhaggameera; abbaan keeti mootichi Nebukadnezaar worra xanu, worra moru, worri falfaluu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, irratti itti gaafatamaa isa godheera. 12 Nami sun Daani'el ka mootichi, ‹Belxishaazaar› jedhee moggaase; inni oojjuu hiikiisaaf, hiibboo hiikiisaaf, waan dhossa'aa mudhisiisaaf, ayyaana dansaa beekkumsaa fi hubantii nama qabu; inni barreeffama san dubbisee, hiikkaa isaa himiisa waan dande'uuf, isa waansis» jette.
17 Achiin duuba Daani'el deebisee, mootichaan, «Kennansi keeti si'umaaf hafuuti, badhaasa keetille nama dhibi'iif kenni. Ani ammoo barreeffama si mootichaaf dubbisee, hiikaa isaalle sitti hin beessisa.
18 «Ee mooticha, Waaqi Ol Aanaan abbaa keeti Nebukadnezaariif mootummaa, guddinna, ulfinnaa fi arnya kenneeraayyu. 19 Sababa Waaqi guddinna isaaf kenneef, kolbaan hedduun, gosi biyya adda addaa, kolbaan afaan adda addaa dubbattu martinuu sodaattee, fuula isaa duratti hollatte; inni worra ijjeesuu barbaade ijjeese; worra hamburuu barbaade hambure; worra ulfeessuu barbaade ulfeesse; worra gad qabuu barbaade gad qabe. 20 Yennaa inni kooree, mataa jabaate ammoo, barcumaa mootummaa ifii irraa bu'ee, ulfinni isaalle isa irraa fudhatame; 21 Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te'e, mootummoota sanille nama ifii fedheef akka kennu, haga inni beekutti, inni kolbaa keessaa ari'amee, qalbiin isaa jijjiirantee, akka bineensaa te'e; harree didaa woliin le'ee akka hori'ii marra dheede; nafi isaalle fixeensa ol-gubba'aatiin jiidhe.
22 «Atille Belshaazaar ilmi isaa tana mara adoo beettuu, ifi gad hin qanne; 23 ati Goottaa ol-gubba'aa mormitee, ifi ol qadde; meya Galma Waaqaa keessaa akka fidanu goote; atii fi qondaaltoti teeti, niitotii fi gursumeeyyiin teeti, daadhii woyni'ii itti untane. Ati waaqota worqii irraa, meetii irraa, sageettuu irraa, sibiila irraa, mukaa fi dhakaa irraa hujamane, ka hin dhaggine yookiin ka hin dhageenne yookiin ka womaa hubatuu hin dandeenne leellifatte malee, Waaqa jiru'u fi ideensa keeti toowatuuf ulfinnaa hin kennine. 24 Tanaaf Waaqi harka barreeffama san barreesse erge.
25 «Barreeffam barreeffamelle, ‹Mene, mene, teqel, u-faarsiin› ka jedhu. 26 Hiikkaan dubbii tanaalle, ‹Mene, mene›, jechuun ‹Laakkowee, laakkowee› jechu'u; tanaaf Waaqi bara mootummaa teetii laakkowee, mootummaan teeti akka dhumattu godheera. 27 ‹Teqel› jechuun, ‹Madaala› jechu'u; tanaaf ati madaala irra keyantee, sallattee dhaggante. 28 ‹U-faarsiin› jechuun, ‹Gargar qoodante› jechu'u; tanaaf mootummaan teeti gargar qoodantee, worra Medooniitii fi Faaresiitiif kennate» jedhe.
29 Achiin duuba Belshaazaar woyaa dhiillee Daani'elitti akka uffisanu, worqii mormaa morma isaatitti akka keyanu ajaje; mootummaa ifii keessalle'etti addee sadeesso'oo qabatee akka bulchu lassii baase. 30 Mootiin worra Baabilonii Belshaazaar halkanuma san ijjeefamee, 31 Daariyos nami biyya Medoonii ka woggaa jaatamii lamaa, mootummaa san fudhate.
<- Daani'elii Raagichaa 4Daani'elii Raagichaa 6 ->
Languages