4 «Ani Nebukadnezaar mana mootummaa tiyyaa keessa waan mara guutadhee, qananumma'aan le'aayyu. 5 Ani taqee irra adoo rafeeruu, oojjuu na sodaachittuu fi mudhii na bararassitu takka dhagge. 6 Tanaaf qarooleen Baabilonii duudiin gara kiyya dhufanee hiikkaa oojju'uu akka natti himanu ajaje. 7 Yennaa worri xanu, worri moru, worri falfaluu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara kiyya dhufane ani oojjuu tiyya isaanitti hime; isaan ammoo hiikkaa isi'ii naaf himuu hin dandeenne. 8 Achiin duuba Daani'el ka waaqota kiyya keessaa akka tokkootitti ‹Belxishaazaar› jedhamee moggaafame, ol seenee na dura dhaabate; isa keessa ayyaana waaqota woyyootaatitti jira; tanaaf ani oojjuu tiyya isatti himee, 9 ‹Ee, Belxishaazaar sooressa worra xanuu, ayyaanni waaqota woyyootaa si keessa akka jiru ani hin beeka; dhossaan takkaalle si hin rakkittu; kunoo oojjuu oojjadhe sitti hima naa hiiki.
10 «‹Adoo taqee tiyya irra rafeeruu muka guddaa dheeraa tokko, wodhakkaa lafaatitti mudhi'iin dhagge. 11 Muki sun qacceen isaa haga ol-gubbaa geettutti guddatee jabaate; haga qaccee lafaa maralle'etti mudhate. 12 Baalli isaa hin tola; midhaan isaalle hin bacata; kolbaa maralle'eef ka sagalee te'utti isa irra jira; bineensoti gaaddisa isaa jalatti boqatan; sinbirrooti dameelee isaa irratti mana ijaaratte; dadi lubbuu qaddu marti isaa irraa nyaatte.
13 «‹Adoo taqee tiyya irra rafeeruu mudhii dhaggeen, ergamaan Waaqaa woyyichi tokko ol-gubbaa irraa dhufuun dhagge; 14 innille qoonqoo guddo'oon, «Muka san mura'a jissa'a; dameelee isaa ciccira'a; baala isaa soxooxa'a; midhaan isaa bittinneessa'a; bineensoti isa jalaa, sinbirrooti dameelee isaa irraa baqatanuu ti. 15 Jirmaa fi hidda isaa ammoo, wodaroo sibiilaatii fi sageettu'uutiin hidha'aatii, marra bisilee diida keessaatitti lafa keessatti lakkisa'a.
18 «Oojjuun ani mootichi Nebukadnezaar oojjadhe tana; qarooleen mootummaa tiyya keessa jirtu marti, hiikkaa isi'ii natti himuu hin dandeenne; ati ammoo Belxishaazaar, ayyaanni waaqota woyyootaa si keessa waan jiruuf, hiikkaa isi'ii natti himuu hin dandeetta» jedheen.
22 «Ee mooticha, muki guddatee jabaate sun si'i; guddinni keeti haga ol-gubbaa gewu guddateera; haga qaccee lafaatille'etti mootii teeteerta. 23 Ee mooticha, ati ergamaan Waaqaa woyyichi tokko ol-gubbaa irraa dhufuun dhaggiteerta; inni, ‹Muka san mura'aa balleessa'a; jirmaa fi hidda isaa ammoo, wodaroo sibiilaatii fi sageettu'uutiin hidha'aatii, marra bisilee diida keessaatitti lafa keessatti lakkisa'a. Inni fixeensa ol gubba'aatiin jiidhuu ti; bineensota woliin marra lafaa keessa le'uu ti; haga woggaa torbaatitti bineensota woliin le'uu ti› jedhe.
24 «Ee mooticha, kun ajaja Waaqi Ol Aanaan si mooticha goottaa kiyyatti dubbate; hiikkaan oojju'uulle ta asii gad jirtu. 25 Ati kolbaa keessaa ari'antee, bineensota woliin hin leeta; akka hori'ii marra hin dheedda; fixeensa ol-gubba'aatiin hin jiita; Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te'e, mootummoota sanille nama ifii jaalateef akka kennu, haga beettutti woggaan torba hin dabarti. 26 Akkuma jirmii fi hiddi muka sanii lafa keessatti hafuuf ajajame, Waaqi ol-gubbaa jiru, si'i irratti mootii akka te'e yennaa beette, mootummaan teeti adde'etti si'iif deebiti jechu'u. 27 Tanaaf ee mooticha, gorsa kiyya fudhadhu. Cubbuu hujiisa lakkisiitii waan sirrii te'e huji; hantuu hujiisaa lakkisiitii worra gad qabameef marari; yoo tana goote barri ati nageyaan leetu siif hin dheerata» jedhe.
28 Wonni kun duudiin mooticha Nebukadnezaar irratti muummotte. 29 Ji'a kudhanii lamaan duuba gaafa tokko mootichi mana mana irratti ijaarrame gubbaa irra deddeebi'aa adoo jiruu, 30 «Tun Baabilonii guddittii ta ani addee teessoo mootummaa tiyyaa akka teetuuf, ulfinna arnya kiyyaatiif, jabeenna hunna tiyyaatiin ijaaree motii ree?» jedhe.
31 Adoo mootichi dubbatiisatti jiruu, qoonqoon ol-gubba'aa dhuttee, «Ee mooticha Nebukadnezaar, waan ani sitti himu dhage'i! Mootummaan teeti si irraa fudhatanteerti; 32 ati kolbaa keessaa ari'antee, bineensota woliin hin leeta; akka hori'ii marra hin dheedda; Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te'e, mootummoota sanille nama ifii jaalateef akka kennu, haga beettutti woggaan torba hin dabarti» jedhe.
33 Yennuma san wonni Nebukadnezaar irratti dubbatante muummotte; inni kolbaa keessaa ari'amee akka hori'ii marra dheede; haga rifeensi isaa akka koola risa'aa dhedheeratutti, qenci isaalle akka qeenca allaatti'ii haga te'utti, nafi isaa fixeensa ol-gubba'aatiin jiidhe.
36 «Akkuma qalbiin tiyya naaf deebiteen, ulfinna mootummaa tiyyaatiif arnyii fi guddinni tiyyaa naaf deebi'e; gorsitootii fi qondaaltoti tiyya gammadaan na fudhatte; ani gara barcumaa mootummaa tiyyaatitti deebi'ee, guddinni ka durii caalaa naaf dabalame.
37 «Hujiin Mooticha ol-gubba'aa sirrii, karaan isaa qajeelaa waan te'eef, worra kooraa ideemulle, waan gad deebisuuf, ani mootichi Nebukadnezaar isa hin leellifadha; ulfinnaa fi guddinnalle isaaf hin kenna» jedhe.
<- Daani'elii Raagichaa 3Daani'elii Raagichaa 5 ->
Languages