8 Yennaa san worri Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara mootichaa dhikaatee, Yihudoota himate. 9 Isaan mooticha Nebukadnezaariin, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i! 10 Ee mooticha, ati ‹Nami duudiin qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii yennaa dhage'u fakkii worqi'iitiif jigee sagaduu ti; 11 eennulle nami jigee hin sagadin bobe'a ibiddaa keessa darbamuu ti› jettee ajaja baatteerta. 12 Worri Yihudootaa ka ati kutaa biyya Baabilonii akka bulchanuuf muudde, Shaadraak, Meshaak fi Abed-neegoon, ajaja keeti hin muummessanu; isaan waaqota keeti hin tajaajilanu, hin waaqonfatanulle'e» jedhane.
13 Mootichi Nebukadnezaar yennaa tana dhage'e guddoo aaree, Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo gara isaa akka fidanu ajaje; isaanille mooticha duratti isaan dhikeessane. 14 Nebukadnezaar isaaniin, «Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neego'o! Isin dhugumaan waaqota kiyya hin tajaajiltanuu? Fakkii worqi'ii ta ani dhaabelle hin waaqonfattanuu? 15 Ammaa qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii yennaa dhageettanu, fakkii worqi'ii ta ani dhaabeef sagaddanee yoo waaqonfattane guddoo dansa'a. Yoo isi'iif sagaduu dhaddane ammoo, yennuma san barbada bobe'a ibiddaa keessa hin darbatantan; waaqi harka kiyya keessaa isin baasu dande'u eennu?» jedhe.
16 Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoon mootichaan, «Ee Nebukadnezaar, waan kana irratti nuuti deebii falmataa siif kennuu hin barbaachisu. 17 Ee mooticha, nuuti bobe'a ibiddaa keessatti yoo darbatanelle, Waaqi nuuti tajaajillu nu baasuu hin dande'a; harka keeti keessalle'ee nu hin baasa. 18 Yoo nu baasuu dhabelle, nuuti waaqota keeti akka hin tajaajille, fakkii worqi'ii ta dhaaddelle akka hin waaqonfanne beeki» jedhane.