5 Mootichille deebisee isaaniin, «Isin oojjuu tiyyaa fi hiikkaa isi'ii yoo natti hin himin, harki fi miilli keessan akka isin irraa ciramu, manni keessanille diigamee tuulaa kosi'ii akka te'u jabeessee murteeffadheera. 6 Oojjuu tiyyaa fi hiikkaa isi'ii yoo natti beessittane ammoo kennansaa fi badhaasa, ulfinna guddaalle na irraa hin fudhattan; tanaaf oojjuu tiyya hiikkaa isi'ii woliinuu natti hima'a» jedhe.
7 Isaan ammalle, «Mooticha keenna, oojjuu teeti nu tajaajiltoota teetitti himi; nuutille hiikkaa isi'ii sitti hin beessinna» jedhanee deebisane.
8 Mootichi deebisee, «Ani jabeessee akka murteeffadhe waan beettanuuf, yennaa dheerefatiisaaf akka wodhaaniisatti jirtanu hubadheera; 9 isin oojjuu tiyya yoo natti hin himin, adabbii gosa tokkootitti isin mara eegata; isin haalli waan jijjiiramu seetanee, dubbii sobaatii fi dokonkorsitu natti himiisaaf wolii galtane; tanaaf oojjuu tiyya natti hima'a; anille hiikkaa isi'ii akka isin dandeettanu tanaan beeka» jedhe.
10 Isaanille deebisanee, «Biyya lafaa tana keessa waan mootichi gaafate deebisuu ka dande'u tokkolle hin jiru; tanaan qaralle mootiin akka fedhe gudda'aa fi hunnaamessa te'ulle waan akka kanaa worra moru, worra xanu, worra falfaluu fi worra waan dhossa'aa himu gaafatee hin beeku. 11 Wonni mootichi gaafatu sun guddoo rakkisa'a; waaqota odduu namaa hin leene malee, eennulle gaaffii san mootichaaf beessisuu hin dande'u» jedhane.
12 Dubbiin tun waan mooticha aarsitee bobeessiteef, inni qarooleen biyya Baabilonii marti akka ijjeefamanu ajaje. 13 Maarre qarooleen akka ijjeefamanuuf ajaji baanaan, Daani'elii fi jaalota isaa ijjeesiisaaf barbaadane.
16 Maarre Daani'el gara mootichaa ol seenee, oojjuu isaa hiikiisaaf akka mootichi yennaa isaaf kennu gaafate. 17 Achiin duuba Daani'el gara mana ifii deebi'ee, dubbii san jaalota ifii Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariya'atti beessisee, 18 marroo dhossaa dubbii tanaatiifille, innii fi jaaloti isaa qaroolee biyya Baabilonii woliin akka hin banneef, Waaqa ol-gubba'aa irraa marartii akka gaafatanu itti hime. 19 Halkan keessa dubbiin dhossa'aa sun mudhi'iin Daani'elitti mudhatte; achiin duuba Daani'eli Waaqa ol-gubba'aa leellifatee,
25 Yennuma san Ariiyok ariifatee Daani'el gara mootichaa geessee, «Ani namoota biyya Yihuda'aa irra booji'amane oddu'uu nama hiikkaa oojjuu teetii si'iif himuu dande'u dhaggeera» jedhe.
26 Mootichi Daani'elii «Belxishaazaar» jedhamee moggaafameen, «Ati oojjuu ani oojjadhee fi hiikkaa isi'ii natti himuu dandeettaa?» jedhe.
27 Daani'elille deebisee, «Dhossaa ati mootichi gaafatte tana, qarooleen, worri moru, worri xanu fi worri Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa moru, dande'ee si'itti hin himu; 28 ammoo ka waan dhossa'aa mudhisu Waaqi tokkochi ol-gubbaa jira; inni waan gara duraa te'uuf jiru si mooticha Nebukadnezaaritti mudhiseera; taqee irra irkattee oojjuu ati oojjatee fi mudhii ati dhaggite ta asii gadi jirtu:
29 «Ee mooticha, ati taqee teeti irra adoo irkatteertuu waan gara duraa te'uuf jiru yaaddeeyyu; tanaaf Waaqi waan dhossa'aa mudhisu waan gara duraa te'uu jiru si'itti mudhise. 30 Wonni mudhiin tun natti mudhateef, waan ani nama duudii caalaa qarummaa qabadheef moti; ammoo hiikkaa oojjuu sanii akka ati beettuu fi yaadaa qalbii teetitti itti rakkate san, akka hubatuuf natti mudhatte.
31 «Ee mooticha, ati oojju'uun fakkii guddoo calalaxxu'uu fi sodaachittu takka si dura dhaabbatteertuun dhaggite; 32 mataan fakkii sanii worqii qulluu irraa, qomii fi harki isi'ii lamaanuu meetii irraa, gadha'aa fi gudeedi isi'ii sageettuu irraa, 33 sarbaan isi'ii sibiila irraa, miila isi'ii gar tokko sibiila irraa, gar kuun faara irraa hujameeraayyu. 34 Adoo ati fakkii san ilaaliisatti jirtuu, adoo harki namaa hin tuqin dhakaan guddaan fottoqee, miila fakkii sibiilaa fi faara irraa hujantetti bu'ee caccasse. 35 Yennuma san sibiilli, faarri, sageettuun, meeti'ii fi worqiin bututanee, akka hicaacee bonaa ta eeddummee keessaa te'ane; waan tokkolle adoo hin hamburin qilleensi isaan haxowee balleesse; dhakaan fottoqee fakki'itti bu'e sun ammoo, gaara guddaa te'ee lafa duudii guute.
36 «Oojjuun ati oojjatte tana; hiikkaan isi'iille ta asii gadii jirtu: 37 Ee mooticha, ati mootii moototaa ti; Waaqi ol-gubba'aa mootummaa, hunna, jabeennaa fi ulfinna si'iif kenneera; 38 inni ilmaan namaa, horii, bineensotaa fi sinbirroota addee isaan jiranu maratti isaan mara irratti bulchaa si godheera. Tanaaf mataan fakki'ii ka worqi'ii sun si'i. 39 Si'iin duuba mootummaan mootummaa teetii gadii hin kaati; itti aantee mootummaan sageettu'uun fakkeeffantu ta sadeesso'oo ta lafa duudii bulchitu hin kaati. 40 Dhuma irratti mootummaan arfeesso'oo ta akka sibiilaa jabaattu, ta waan mara caccassituu fi butuchitu hin kaati; akkuma sibiilli waan mara caccassee butuchu, mootummaan tun moototaa isi'iin qaraa mara caccassitee hin butuchiti. 41 Akkuma oojjuu teetiin fakkii miilli isi'ii gar tokkoo fi qubi miila isi'ii gar tokko sibiila irraa, gar kuun ammoo faara irraa hujanteertuun dhaggite, mootummaan sun ta qoqoodante hin teeti; sibiilli faara woliin makameeruun akkuma dhaggite, mootummaan sun gar tokko akka sibiilaa hin jabaatti. 42 Akkuma qubi miila isi'ii gari tokko sibiila, gari kuun faara te'e, mootummaan sun gari tokko jadduu, gar kuun dadhadduu hin teeti. 43 Sibiillii fi faarri makameeruun akkuma dhaggite, kolbaan mootummaa lamaan saniille fuudhaa fi heerumaan wolitti hin makanti; te'uu malee akkuma sibiilli faaraan wolitti makamee woli hin qabanne, isaanille tokkumma'aan hin le'anu. 44 Bara mootota saniititti Waaqi ol-gubba'aa mootummaa ijjumaa hin bannee fi ta kolbaa dhibi'iif hin kennanne hin ijaara; isiin mootummoota san duudii ijjumaa hin butuchiti; isiin ammoo haga bara baraa jabaattee dhaabbatti. 45 Mootummaan tun ta akkuma ati dhakaa harki namaa adoo hin tuqin gaara irraa fottoqee fakkii sibiilaan, sageettu'uun, faaraan, meeti'ii fi worqi'iin hujante caccassee butuche, oojju'uun dhaggitee ti. Waaqi guddaan waan gara duraa te'uu jiru si mootichatti mudhiseera; oojjuun sun dhuga'a; hiikkaan isi'iille ta addatante» jedhe.
Languages