6 Mootiin Waan Maraa kolbaa Ashidoodiitii fi kolbaa adaala isaanii jiranu mara guddoo rakkisee, balaa iitaa isaanitti buuse. 7 Worri Ashidoodii waan te'e kana yennaa dhaggane, «Waaqi nu'uu fi waaqa keenna Daagon waan adabeef, Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii as nu bira hin turin» jedhane. 8 Maarre isaan namoota erganee bulchitoota Filisxeemotaa mara wolitti qabanee, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii kana maan goona?» jedhanee gaafatane. Bulchitootille, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara qachaa Gaatii geessa'a» jedhanee deebii kennane. Maarre isaanille Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara qachaa Gaatii geessane. 9 Saanduqa Gondooro'oo san qachaa Gaatii geessaneen duuba, raafami guddaan te'e; Mootiin Waan Maraa namoota qachaa sanii adabee, diqqa'aa haga gudda'aatitti iita itti buuse. 10 Maarre isaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san gara Eqroonii geessane; Saanduqi Gondooro'oo sun akkuma gara Eqroonii dhufeen ammoo kolbaan Eqroonii, «Isaan nu'uu fi kolbaa teenna ijjeesisiisaaf, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara keenna fidanee!» jedhanee iyyane. 11 Waaqi achitti waan isaan adabeef, raafam du'aa qachaa san duudii guute. Worri qachaa sanii namoota erganee bulchitoota Filisxeemotaa mara wolitti qabanee, «Nuutii fi kolbaan teenna akka hin dhumanne, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii nu irraa fageessa'aatii addee isaatitti deebisa'a» jedhane 12 Worra du'a irraa hafe dhukkubi iitaa waan isaan rakkiseef, guddoo iyyane.
<- 1 Saamu'elii 41 Saamu'elii 6 ->
Languages