5 Saanduqi Gondooro'oo ta Mootii Waan Maraa akkuma addee quttumaa dhufeen, Israa'elooti marti haga latti tachootutti guddoo ilillisane. 6 Filisxeemotille ililleettii san yennaa dhage'ane, «Ililleettiin guddoon ta addee quttuma Ibrootaatitti dhage'antu tun maan?» jedhanee gaafatane. Isaan Saanduqi Gondooro'oo ka Mootii Waan Maraa gara addee quttumaa akka dhufeeru yennaa beekane, 7 Filisxeemoti sodaatanee, «Waaqi dharaa tokko addee quttumaa dhufeera; tanaan qara wonni akkasii teetee waan hin beenneef, aanne'e nu'uuf! 8 Aanne'e nu'uuf! Harka waaqota dharaa jajjaba kana jalaa eentu nu baasuu dande'a ree? Isaan kun waaqota dharaa ka balaa adda addaatiin worra Gibxi'ii goomolee keessatti dhowane. 9 Ee Filisxeemota! Jabaadha'a! Dhiira te'a'a! Akkuma qara worri Ibrootaa isiniif garba te'e, isinille isaaniif garba akka hin teene, dhiira te'a'aatii lola'a!» woliin jedhane.
10 Maarre Filisxeemoti lolane; Israa'elootille injifatamanee marti isaanii gara mana ifii baqatane; nami bacaan dhumate; Israa'eloota keessaa loltooti kum soddom ijjeefamane. 11 Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa booji'amee, ilmaan Eli'ii lamaanuu Hofnii fi Fiinehaas ijjeefamane.
17 Namichi oduu fidee dhufe sun deebisee, «Israa'elooti Filisxeemota duraa baqatane; loltooti hedduun dhumatanee, ilmaan teeti Hofnii fi Fiinehaasille lamaanuu du'aneeran; Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaalle booji'ameera» jedhe. 18 Nami sun marroo Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa yennaa hime, Eliin karra bira barcumaa irra tee'eeru irraa gara duubaa jige; inni jaarsa dulloome furdaa waan te'eef mormi isaa cabee achumatti du'e; inni woggaa afurtama Israa'el irratti abbaa mura'aa te'eeraayyu.
19 Yennaa san niitiin ilma isaa ta Fiinehaasii ulfoottee deyiisa geetteertiiyyu. Isiin oduu booji'amiisa Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa, abbaan sodda'aa ka isi'iitii fi abbaan manaa ka isi'ii akka du'ane yennaa dhageette ciniinsuun itti bira tartee jilbiiffattee deette. 20 Isiin du'iisaaf yennaa worwaatattu, dubartooti isii bira jiranu, «Ilma deetteerta, jabaadhu!» jedhane. Isiin ammoo deebii hin kennine yookiin waan isaan jedhane miidhassitee hin dhageenne. 21 Isiin Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa waan booji'ameef, abbaan sodda'aa ka isi'iitii fi abbaan manaa ka isi'ii waan du'aneef, «Ulfinni Israa'el irraa ka'eera» jettee, maqaa ilma ifii Ikaaboodi baatte. 22 Isiin ammalle, «Saanduqi Gondooro'oo ka Waaqaa waan booji'ameef, ulfinni Israa'el irraa fudhatameera» jette.
<- 1 Saamu'elii 31 Saamu'elii 5 ->
Languages