4 Filisxeemotille, «Kennansi sababa yakka'aatiif isaaf erginu maan?» jedhanee gaafatane.
7 «Tanaaf garreettaa haareyaa fi sa'oolee hoosifatanu lama ta waanjoon irra hin keyamin qopheessa'aatii garreettaa san itti hidha'a; jabbii isaanii ammoo gara manaa deebisa'a. 8 Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa san fuudha'aatii garreettaa irra keya'a; fakkii worqi'ii ta sababa yakka'aatiif kennansa ergitanu san saanduqa keessa keya'aatii Saanduqa Gondooro'oo bira keya'a; achiin duuba garreettaan sun akka ideemuuf gad lakkisa'aatii 9 gara inni itti ideemu ilaala'a. Inni karaa biyya ifii gara qachaa Bet-Shemeshii yoo deeme, badii guddoo tana ka nutti fide Mootii Waan Maraa ti; karaa san yoo hin deemin ammoo badiin tun fedhuma nu irratti teete malee, ka nutti fide isaa moti» jedhane.
10 Isaanille akkuma isaanitti himame godhane; sa'oolee lama fuudhanee garreettaa itti hidhane; jabbii isaanii ammoo biraa deebisanee mana itti cufane. 11 Isaan Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa, fakkii hantuutaatii fi fakkii iitaa ta worqii irraa hujamane san garreettaa san irra keyane. 12 Sa'ooleen sunille karaa irraa bita'aa fi midda adoo hin gorin madhataa gara Bet-Shemeshii deemane; bulchitooti Filisxeemotaalle haga meessaa Bet-Shemeshii isaan gula deemane.
13 Yennaa san worri Bet-Shemeshii dhooqa keessatti qamadii haammatiisatti jiraniiyyu; isaan yennaa ol jedhanee ilaalane, Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa dhagganee guddoo gammadane. 14 Garreettaan sun gara fichaa Iyaasu'uu ka nama Bet-Shemeshi keessa le'uu dhufee, dhakaa guddaa tokko bira dhaabbate; kolbaan muka garreettaa sanii falaxxee, sa'oolee qaltee kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif dhikeessite. 15 Worri Lewwootaa Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraatii fi saanduqa meya worqi'ii qabu ka isii bira jiru san dhakaa guddaa sanirra keyane; guyyaa san worri Bet-Shemeshii kennansa gubamu dhikeessanee ciincaalle Mootii Waan Maraatiif ciincessane. 16 Bulchitooti Filisxeemotaa shan waan kana yennaa dhaggane guyyuma san gara Eqroonii deebi'ane.
17 Filisxeemoti fakkii iitaa shan ta worqii irraa hujamane, maqaa qachaa ifiitiin, takkaa marroo Ashidoodiitiif, takkaa marroo Gaaza'aatiif, takkaa marroo Ashiqaloniitiif, takkaa marroo Gaatiitiif, takkaa marroo Eqrooniitiif kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu Mootii Waan Maraatiif ergane. 18 Laakkossa fakkii hantuutaa ta worqii irraa hujamanelle marroo laakkossa qachoota dalleya dhaka'aa ka bulchitooti Filisxeemotaa shan bulchanu maraatii fi ollaa adaala san jiranuutiif ergane. Dhakaan guddaan ka Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa irra keyane, ka fichaa Iyaasuu nama Bet-Shemeshi keessa le'uu bira jiru sun haga adhaa dhugaa bayaa te'ee achi jira.
19 Worri Bet-shemeshii Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa keessa waan ilaalaneef, inni namoota Bet-shemeshii keessaa nama torbaatama ijjeese; Mootiin Waan Maraa akka malee kolbaa waan fixeef, kolbaan bootte. 20 Achiin duuba kolbaan Bet-Shemeshii, «Mootii Waan Maraa, Waaqa Woyyicha kana dura eentu dhaabbatuu dande'a ree? Saanduqi Gondooro'oo kun asii ka'ee gara eennuu dhaqa ree?» jedhane. 21 Maarre isaan gara worra Kiriiyat-Ya'ariimii namoota erganee, «Filisxeemoti Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa gara keenna deebisaneeran. Kowa'aa fudhadha'a» jedhane.
<- 1 Saamu'elii 51 Saamu'elii 7 ->
Languages